Save the Children

Daa’imaan dandeetti dubbisuu fi barreessuu isaanii dagaagfachuu (gabbifachuu) kan qaban, osoo mana baruumsa idilee (kutaa 1ffaa) hin galle dura osoo ta’ee filatamaa dha. daa’imman dandeetti dubbisuu fi barreessuu isaanii dagaagfachuu irratti, carraaqiin isaan maxxansaa fi kitaabota garagaraa dubbisuudhaan muuxannoon argatan, milkaa’ina fuul- duree isaaniitiif baay’ee murteessaa dha. Sababni isaas, daa’imman kunniin yeroo wantoota dubbisuu fi … Continue reading Save the Children

Giddu-gala Aadaa Oromoo

Mootummaan naannoo Oromiyaa waggoottan darban keessatti aadaa,afaan,seenaafi aartii uummata Oromoo dagaagsuufi guddisuuf,hojiiwwan gurguddaa baayi’ee hojjetee jira.Kanneen keessaa Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa naannoofi barnootaa akka ta’u godheera.Afaan Oromoo afaan Saayinsii,tekinooloojii,hogbarruufi artii ta’uun akka dagaagu,baldhinaan irratti hojjetameera. Kana malees dagaagina aadaa Oromoo mirkaneessuu keessatti ga’ee mataa’saatii kan qabu giddu-galli aadaa Oromoo, magaalaa guddaa Oromiyaa kan taate … Continue reading Giddu-gala Aadaa Oromoo

Seenaa Atileetiksii Maaraatoonii

Waldorgommiin fiigicha Maaraatoonii k.m.42.195 ykn Maayilii 26.218 kan fagaatudha. Yaadannoon isaas a.l.A dhaloota kiristoos dura (B.C) bara 490 biyyi Giriikii biyya dur Impaayera Pershiyaa jedhamuu (Iiraan ammaa) wajjin dirree waraanaa iddoo Maaraatoon jedhamu irratti yeroo dheeraaf wal waraanaa erga turan booda Giriikiin hinjifannaan loltuun gooti lammii Girikii Fiidipiidis(Phiedppides) jedhamu oduu gammachiisaa kana himuuf boqonnaa tokko … Continue reading Seenaa Atileetiksii Maaraatoonii

Hundee Rakkoolee Biyyoota Bahaa Giddu Galeessaa

Adduunyaa irratti Biyyooti bahaa giddu galeessa jedhaman yeroo baayi’ee Gibtsii(Misira) irraa kaasee hamma Armeeniyaa gidduutti uummattooti argaman; Arabooti, Pershiyaa,Turkiifi Kuurdoti lakkoofsa baayi’ee kan qaban si’a ta’an, faallaa kanaan lakkoofsa xinnaa kan qaban immoo Armanoota,Asoorota,Serkaasiyaanota,deruzoota,Ayihudotaafi k.k.f keessatti argamu. Naannoo biyyoota bahaa giggu galeessa kunniin adduunyaa kaan irraa adda kan isaan godhu,1ffaa, iddoo ka’umsa amantiiwwan adduunyaa guguddaa … Continue reading Hundee Rakkoolee Biyyoota Bahaa Giddu Galeessaa

Maafan aadaa deemaa?

Koo garaan bosona miti jamaa Keessa koon gubadhee maafan aadaa deema. Hin dubbadhu hin jedhu anoo nan dubbadha Quuqqaa garaa kootiin baaseen obbaafadha. Callisees argeeraam baayi’eeyyuun callise Innis ittuu homaa gowwaa nafakkeesse. Utuman beekuu akka namaa hin beeknee Arrabsamee dheekkamamee kankoo kennee Natti fe’an baadhee kan naaf kennan nyaadhee Nafakkeessuu hin oolle cirumayyuu harree Yoos … Continue reading Maafan aadaa deemaa?

Harka Dhiqannaa

HARKA DHIQANNAA DHIBEEN HARKAAN NAMATTI DARBA ''Tokkoon tokkoon konkolaataa gara keenyatti dhufaa jiran hubannee ilaaluu barbaachisa” jechuudhaan ajajaan waraanaa tokkoo loltootasaa barsiisa.Diinni dhoksaadhaan daangaa cabsee seenuu yaala garuu karaan inni irra dhufu miilaan deemuuf itti fagaata. Kanaafuu konkolaataadhaan akka hindhufne hubachuu qabna.Tokkicha daangaa keenya keessa seennaan ofirraa loluun nutty ulfaata. Waraana isa dhugumaa keessatti diinni … Continue reading Harka Dhiqannaa