Yaada kee Murteessi!

Hin dubbadhu hin jedhu nan dubbadha jamaa Abjuunuu himatan hiikisaa argama. Kanas fakkaatanii jiraachuun waan gaarii Har’a yoo fakkaates, miidhaa qaba bori. Dhuma isaatu du’a, du’a fokkisaadha Lamaan keessaa tokko filachuun gaariidha. Yookiin sana ta’uu yookiin isa kana Malee ifni sobaa, booddeensaa dukkana. Waa lama fakkaachuu of keessaa balleessi! Filannoo tolfadhuu yaada kee sirreessi!

Maafan Yaadaa Deema?

Koo garaan bosona miti jamaa Keessa koon gubadhee maafan aadaa deema. Hin dubbadhu hin jedhu anoo nan dubbadha Quuqqaa garaa kootiin baaseen obbaafadha. Callisees argeeraam baay’eeyyuun callise Innis ittuu homaa gowwaa nafakkeesse. Utuman beekuu akka namaa hin beeknee Arrabsamee dheekkamamee kankoo kenne Natti fe’an baadhee kan naaf kennan nyaadhee Nafakkeessuu hin oolle cirumayyuu harree Yoos … Continue reading Maafan Yaadaa Deema?

Akkaataa itti Lukkuu Sooran!

Barreeffama keenya dabre keessatti dhimmoota rakkoo fayyaa lukkuutiin wal- qabatan irratti mari’achuun keenya ni yaadatama. Barreeffama keenya har’aa kana keessatti immoo haala itti lukkuu sooruun danda’amu isiniif ibsina. Lukkuuwwan akkuma dhala namaa sirna bullaa’insa nyaataa salphaa kan qaban yoo ta’an, sooratawwan kanneen akka midhaan dheedhii fi foon sooratu. Sooratni isaaniis qabiyyeewwan nyaataa garagaraa kan of- … Continue reading Akkaataa itti Lukkuu Sooran!

Jechoota biyyoota garaa garaa!

Adduunyaa kana irratti biyyooti garaa garaa aadaafi dudhaa garaa garaa qabu.Yeroo haasa’an akkuma mammaaksa aadaa Oromoo dubbii isaanii keessatti jechi ibsan jira.Mammaaksa keenyaa wajjin walfakkaata.Mee jechoota biyyoota garaa garaa keessatti dubbatamu kan obbo Goolee Dabbus nuu ergan kanaa ilaalaa. —Kadhataan filataa ta’uu hin danda’u. —Hiriyaan dhugaa hiriyaa gaafa rakkooti —Namni mana daawwitii keessa taa’u dhagaa … Continue reading Jechoota biyyoota garaa garaa!

Hayyoonni maal jedhani?

Jaallatamtoota dubbistoota barruu keenya SiifSiin! Bakka jirtan maratti nagaan koo isin haa qaqqabdu. SiifSiin maxxansawwan darban keessatti qooda fudhannaa kootiin waan wal barree natti fakkaata. Ammas SiifSiin jildii 8 kana irratti dubbii hayyoonni addunyaa bebbeekamoo dubbatan keessaa muraasa akka armaan gadiittan isiniif dhi’eessa. Akka isin irraa barattan nan abdadha. Dubbisa gaariin isiniif hawwa. 1. Maartiin … Continue reading Hayyoonni maal jedhani?

Baayoo Gaazii

Baayoogaaziin madda anniisaa haaromsamuu danda’uu yoo tau, innis faayidaalee garagaraatiif ooluun jireenya keenya nuuf fooyyessa; baasii keenyas nuuf qusata. Baayoogaaziin kan uumamu yeroo wantootni orgaanikii ta’an tortoran ykn addaan burkutaa’ aniidha. Tortoraan, oomisha Baayoogaazii wantoota naannoo keenyatti laayyootti argamanidha. Garuu yeroo hedduu waan faayidaa guddaarra oolan nutti hin fakkaatani. Kanneen akka kosii, Dhangala’aa garaa garaa, … Continue reading Baayoo Gaazii

Mammaaksa

Oromoon walga’ii irrattis haata’u nama tokkoo wajjin haasaa haasa’u irratti, aadaafi naamusa gaarii qaba. Utuu ijoo dubbii kaasuuf jedhu hin ibsin dura,kaayyoon dubbiisaa,salphaafi sirriitti hundaaf akka galuuf dubbiisaa mammaaksaan jalqaba.”Mammaakan waa himan akkifatan waa tufani” jedhama mitiiree? Egaa yaada hundee ta’e kanarraa kaanee yeroo tajaajilasaa madaallu, tajaajila guddaa qaba. Waan kana ta’eef adaan keenya gaarii … Continue reading Mammaaksa

Sadan Sooddoo

Tuulamni Ijoollee sadii qaba.Isaanis Daaccii, Bachoo fi Jillee dha.  Yeroo mara namooti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagayan akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoon ijoollee sadii godhatee  lafasaa maqaasaatiin moggaafatee irra jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo; Odituu, Ummee(Tum’e) fi Liiban jedhamu. Isaan kunniinidha  kan har’a sadan sooddoo jedhamanii beekaman. Lafti Sooddoo naannoo Shawa … Continue reading Sadan Sooddoo

Milkaa’inni barnoota daa’immanii, qophii dursinee goonuun murtaa’a!

Daa’imaan dandeetti dubbisuu fi barreessuu isaanii dagaagfachuu (gabbifachuu) kan qaban, osoo mana baruumsa idilee (kutaa 1ffaa) hin galle dura osoo ta’ee filatamaa dha. daa’imman dandeetti dubbisuu fi barreessuu isaanii dagaagfachuu irratti, carraaqiin isaan maxxansaa fi kitaabota garagaraa dubbisuudhaan muuxannoon argatan, milkaa’ina fuul- duree isaaniitiif baay’ee murteessaa dha. Sababni isaas, daa’imman kunniin yeroo wantoota dubbisuu fi … Continue reading Milkaa’inni barnoota daa’immanii, qophii dursinee goonuun murtaa’a!

Lubbuu Daa’immanii Du’a Irraa Baraaruu!

Harmee,! warri ollaa keenyaa maaliif boo’uu?” jettee, Caaltuun haadha ishee gaafatte. Haati Caaltuu-Aadde Guddattuunis, “ Waan gaddaniif ta’uu danda’a “ jettee Caaltuuf deebiste. Haati Caaltuus, daa’ima ollaa ishee duute awwaalanii akka dhufan ilmoo ishee Caaltuutti himuu hin barbaadne. Yeroo abbaan manaa ishee sirna awwaalcharraa gara mana isaniitti galanis, Guddattuun yaada ishee dhiphise kana  irratti abbaa … Continue reading Lubbuu Daa’immanii Du’a Irraa Baraaruu!