Yeroo tokko, andaaqqoo, hantuuta, bofa, ruumicha fi leenca ta’anii gamtaadhaan duula deemuuf waliin mari’atan. Kaayyoon duula kanaas deemanii loon hatuuf ture. Amma deemanii deemanii bakkee dhaquu barbaadanitti yogguu dhiyaatan, dhaabbatanii (ejjetanii) akkamitti akka loon hatan waliin haasa’uu fi hojiis addaan qoqqooddachuuf karoora baafatan. Kana keessatti kan karoora baastu andaaqqoo turte. Andaaqittiinis akkana jettee karoora ibsiti: … Continue reading Malaan duulan jette andaaqqoon (lukkuun)
2) Ababbalii ykn Hawwii Inni kun ammoo osoo warri hin beekiin warri walfuudhan waliif galanii walfuudhuu ta’a. Gurbaa fi isheen qofti walii galuudhan haala mijeeffachuun gurbaa intala beellamee fudhatee gala. Yeroo kanatti maatiin gurbaa beeku danda’u kan ishee intalaa garuu hin beekan. Adeemsa keessaa gurbaan guyyootamuraasa booda gara maatii isheetti jarsummaa ergachuun araaramuuf karaa bana. … Continue reading Sirna fuudha fi Herumaa kutaa lama
Qorichawwaniifi baala Haraaraa (Araada) Nama qabsiisan Sadarkaa adduunyaatti, namooti tokko tokkoofi hawaasni, rakkoowwan qoricha dhorkamanii isaan muudataa jira. Qoricha hin hayyamamineen fayyadamuudhaan,namooti dandeettii isaanii akka hindhugoomsine / humna keessa isaanii, guutumaan akka hin mul’isine/ kan isaan ittisuufi guddina hawaasaafis guufuu ta’an jiru.Gabaabumatti qorichawwan kunniin, fayyadamtoota, maatii,uummatafi hawaasa irratti,rakkoo hamaa kan geessisanidha.Addunyaa’rratti qorichawwan seeraan dorkaman,to’annoo ala … Continue reading Qorichaafi Baala Saammuu Haddoochan
Akkaataa qo’annoofi qorannoo ogeessota xin-sammuutti, haala (amala) namootaa bakka lammatti qoodu.Inni tokkofaa, Abdii Qabeessota [“Optimist”] jedhaama. Kana jechuunis, waan hundumaa ija gaariin [positives] kan ilaalaniifi fudhatanidha. Fakkeenyaf ani kitaaba sirraa ergifadhee, sababa rakkoo yaadaa, hubannoo dhabuufi xin-sammuu qabu irraa kan ka’een kitaaba kana yerootti siif hindeebisne. Ati garuu deebii gaarii anaaf qabdu akkam akka ture … Continue reading Haala Namootaa
1. Namni kamiyyuu bilisummaa nagayaan walgahuufi mirga waldaya gurmeessuudhaa ni qaba. 2. Namni kamiyyuu miseensa waldaya tokkoo akka tahu hin dirqisiifamu.
Namni kamiyyuu mirgaafi bilisummaa yaada fedhe qabaachuu fi yaada isaa ibsachuudhaa ni qaba. Mirgi kun tokkoon tokkoon namaa hundi dhiibbaa tokko malee yaada akka qabaatuufi daangaan osoo isa hin daangessine meeshaa fedhe hundaan odeeffannooleefi yaadoota bilisummaa barbaaduu kennuufi dabarsuudhaa ni dabalata.
akkamitti namni dhalatee akki waaqif dacheerraa jiraatee maaltummoo yoo danqu, wallaalee waan hojjetu Isa tahuufi taasisuuf deemuyyuu keessaa maaltu dhibeet, tahee, hanquu waa filatu? Qalbiin shororkaa'ee, yaadan nyaatamee, akkas talbooja'ee, fagaatee qaxxaamuree, yaadanis qaari'ee Waanuma taheyyuu, himannaas leeyya'ee Namni yoo maal tahuu, yaadan dugda ta'ee? Bu'ura dhaabbii yaadaa, filannoo waan sardaa jireenyan fooggaluuf dinnaanis okkaluuf … Continue reading FILANNOO
Hibboon hibboon bulte Hibboon maal taatiree Hibbifatamuun immoo Badii maal qabaree Hibbak jedhee himuun Soda maal qabaree Wallalee kennuurra Hin wixxifadhuuree Hibboon hibbifadha Hibboon milkii qabdu Inumaan gaafadha Waa deebii hin dhabdu Gaffiin hiibboo kiyyaa Kan sabaa kan biyyaa Deebii sobatiree Hundii maaf natti iyyaa Dhugaan osoo jiruu Na goyoomsituuree Osoo lubbuun jiruu Osoo hibboom … Continue reading HIBBOO
Yaa haadha dhiirootaa Mootii dargaggaggootaa Burqaa bareeddota Yaa goota goototaa Sirraa dhadhalatan Bareedni namootaa Bareeddu Oromoo Mee Maqaan siif kaasa Bililee jedhaniin Warri Awurophota! Oromoo ta’uu kee Kanneen hubatan Oromtittii jechuuf Kannen rakkatan Dhara dhugaa godhuu warrii ariifattan Enyuumma kessaniin Malumaaf hin bontan? Nimoona curraatiin
Bara jaalalaan iyyinee Walwaamnu gamaanaafi gamaa Taphaa fi nagaa malee Waliif hin yaadne hamaa Bara obbolaa fi hiriyaan Hin baratiin wal qooduu Nyaaraa walitti guurree Hin beekne waliin ooduu Baran garaa hin bulfanne Cabee miidhamee aadee Sammuu nagaa ganamaa Ijoollummaa koon yaade. Gammachuu G.