Makmaaksa

Kan wal kajeelu Afaan hin qajeelu Akaayin bara beela firaan adda nama baafti Jaalachaa oolaniis intala haadhaa hin fuudhan Harka goowwaatin boolla jawwee safaru. Haadhaatu du'e jedhani ilmoo bofaa wajjiin bo'icha hin ta'an -abaarsi goowwaa eeboon qixa

Barsiisaa koo….

Aaa... jette kaatee Na barsiftee qubee Harka kan koo qabde Na qabsiiftee kobbee Tokko lama jettee Natti himtee lakkoobsa Har'a akkamittan Olmaa kankee dhoksa Amala koo hin mijanne Jeeqaa dadhabsiisaa Hundaa naaf dandeesse Gorsaa, na barsiisaa Akkan nama ta'uuf Sammuu koo naa qarte Daandii koo dukkanoftu Bekumsaan ibsite. ....safuuu yaa barsiisaa.

Makmaaksa

Murataan marqa baalarratti nyaata. Yaa marqa si afuufuun si liqimsuufi. Gubataa marqaa hubataatu arga. Akkan hin yaanne misingaa marqite, akkan hin dhiifne dhadhaa itti naqxe

Parkii Gaarreen Bale kutaa 2

Paarkin Baalee paarkii bineensota achi qofa jiraatan baayyee kan qabu yoo ta'u bineensota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan garuu balaa keessa warra jiran baayyedhaaf iddoo murteessadha. PBGB hoosiftoota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 20 fi hoosiftoota Gaarren Baalee keessa qofa jiraatan shaniif iddoo jireenyaati. Hoosiftoonni PBGB keessaa faayidaa guddaa qaban jeedala fardaa (anis simensis), gadamsa gaarrenii (Tragelaphus … Continue reading Parkii Gaarreen Bale kutaa 2

Parkii Garreen Baale kuta Tokko

Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee paarkii biyoollessaa Oromiyaa godina Baalee keessa jiru yoo ta'u paarkin kun bidoollee dachee addunyaarra jiru kamiyyuu caalaa bineensota baayyinaan achi jiraatan qabaachuun beekkama. Paarkin kun bara 2009 Tarree Ambaa Addunyaa kan Yeroo keessatti galmaa'eera. Paarkin Baalee ballina tilmaamaan 2,150 km2 ta'u qaba. Paarkin kun bidoollee adda ta'an shanitti qooddama: lafa margaa … Continue reading Parkii Garreen Baale kuta Tokko

Ijoollee hurursuun

Aadaa Oromoo keessaa ijoollee hurursuun aadaa gaarii qabnu keessaa tokkodha.Huruursuun Sossobuu ykn Afaan Ingiliziitiin “lull”kan jedhamu waliin caalaa wal gitu danda’a. “Hush” inni jedhamu kun “usi”ykn “callisi”  kan nuti jennu waliin wal gita. Ingilizootis  ijoollee haala nuti sossobnuun ykn huruursinuun huruursu waan ta’eef dhimma kana irratti aadaa walfakkaatu qabna jechuu dandeenya.Aadaan keenya kun utuu hin … Continue reading Ijoollee hurursuun

IMIMMAAN YAADAA

Baay’een na yaachisa Akkamiin gadi ciisa Jiruun nama tokko Maaliif na yaaddessa Waggaa meeqa jiraatu Biyyaa lafaat irra Yaaddoo an hin cabsadhu  Mee kaasaa na irraa Boo’een hin cabsadhu  Ba’ees hin boqadhu Ba’ii badiinaan jedha Maaliif hin baqadhu? Eessatti baqadha Eenyuttan baqadha Orma na in beekne Lubbuu koo maal nyaadha Maraachuun koo hin hafne Qullaa … Continue reading IMIMMAAN YAADAA

Mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaa Keewwata – 21

Namni kamiyyuu mootummaa biyya isaa keessatti kallattiidhaan ykn karaa bakka bu'oota isaa kanneen bilisaan filatamanii hirmaachuuf mirga ni qaba.Namni kamiyyuu tajaajila mootummaa biyya isaa keessaatti namoota biroo waliin walqixa fayyadamuudhaaf mirga ni qaba. 3. Bu'uurri aangoo mootummaa fedhii ummataati; fedhiin ummataatiis kan ibsamu yeroolee murteeffamanitti filannoowwan adeemsifamaniin hoggaa ta'u; filannoowwan kunneen nama hundaaf carraa walqixaa … Continue reading Mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaa Keewwata – 21

Yoo Nama Taate

Jaalala baay’isi.Beekumsa ida’i.Qabeenya hiri.Inaaffaa hir’isi.Ilaalcha wal-qixxeessi.Hojii guddisi!Teessuma xiqqeessi. Jaalalli Dhugaa: Mi’aawaadhaa dhandhamadhu.Urgaawaadhaa fuunfadhu.Gammachuudhaa simadhu.Icciitiidhaa eeggadhu.Dorgommiidhaa itti hirmaadhu.Qabsoodhaa injifadhu.Abdiidhaa obsaan eeggadhu.Qabeenyaa horadhu.Bultiidhaa ijaaradhu.Gaaddisaa jala boqadhu!