Hojiin daandii guddinaati Kan hojjetu ni milkaa'a Gartuuf gamtaan wal utubee Bakka kaayyoosaati ga'a Dhibaa'ummaadhaan tuqame Qooda taa'ee nyaatu mataa Namni hojiif yeroo kennu Waan barbaadu irraa argataa - Lammiif biyyasaatiif jedhee Humna isaatiin cichee laata Gadadoo ofirraa fageessee Harka duuleen kolfaa nyaata Daldalaaf hojjaa dagaagsee Of godhee abbaa kalaqaa Namni hojiif yeroo qabu Humnasaa … Continue reading Hojiin Daandii Guddinaati
Category: Walaloo
Tokkumaan Hummna! Gaaddisa Odaa jala gadi teenyee Yoo wal-hubannee wal dhagenyee Yoo wal jalaa kaafne dhagaa Yoo waliif yaadne nagaa Tokkummaan wal qabannee Yoo walii wajjiin dhaabbanne Kattaan gaaraa yoo dhodho’e Cabbiin roobee yoo lola’e Buubbeen kaabaas haa bubbisu Nu hin sochoosu nu hin buqqisu! Gammchuu G. kan barreeffame
Qawween koo boraatiin koo Kan rasaasa liqimsu Yaada garaa koo keessaa Danda’ee naaf hin ibsu Rasaasa itti guuttadhee Gaafan banu cancala Biyyi'o gurra qabtee Fiigee lixa daggalaa Wal caccabsee gulufa Wanta qabu harcaasee Qawween nageenya hin fidu Nagaa dhahee mancaasee Allaattiin waaqarra kaattu Bineensi bosona kessaa Sagalee qawwee kootii Hin jaallatu ni dheessa Ati garuu … Continue reading Qubee Koo
Babarreedu Oromoo Utuu naaf hindhagayin Firrikoo gamaanaa fi gamaa Bakka rakkoo kiyyaatti Situ dursee argama Aantiidhaafi obbolaa koo Dursitee natti siqxa Caba koo naaf dhidhiibdee Dhiiga koo narraa dhiqxa Kaasuu keetti na fuutee Qabdee lafaa na kaasta Dugda keetti na baattee Bowwaa keessaa na baafta Gaafa guyyaaa gammaachuu Wajjiniin nyaannee kolfaa Gaafa guyyaa dhiphinaa Kan … Continue reading Sin Jaalladha Hiriyaa koo
Dugugaatii alkolii dhugee Ani hin qabu machii Gitiintiree achumaa Dhiitaa hin oolu dachii. Humna asii gadii horde Lafa qabsiisee luka Dhaabaacha hin oolu anoo Akka dhagaafi mukaa Ofii kiyyaas jijjiramee Akkaa ani jijjirreef biyya Sagalee hammeenya keetu Sammuu koo keessaa iyya Qootisa bulleeffame Akkan gadi dhidhiitu Achumarra na oofta Lafti dhiitee bariitu Gammachuu G. kan … Continue reading Hindeemu
Ji’a sadiif sitti tolee Yommuu hutee daraartu Waqtiin bonaa yoo ga’u Maaliif ofii hin baraartu? Ofiifuu gaaddisa hin taane Maaltu sitti baqata? Kanaaf namni si afrgu Buqqisee si darbata. Caakkaadhaafi buulloo GHaddisa shifiifi mixii Lafa kiyya irraa ka’i Qotuun koo sii’if miti. Ilbiisni umurii hin qqabnetu Jala kan kee daaddisa Bareedina bifaa malee Taatee hin … Continue reading Keelloo
Aaa... jette kaatee Na barsiftee qubee Harka kan koo qabde Na qabsiiftee kobbee Tokko lama jettee Natti himtee lakkoobsa Har'a akkamittan Olmaa kankee dhoksa Amala koo hin mijanne Jeeqaa dadhabsiisaa Hundaa naaf dandeesse Gorsaa, na barsiisaa Akkan nama ta'uuf Sammuu koo naa qarte Daandii koo dukkanoftu Bekumsaan ibsite. ....safuuu yaa barsiisaa.
Aadaa Oromoo keessaa ijoollee hurursuun aadaa gaarii qabnu keessaa tokkodha.Huruursuun Sossobuu ykn Afaan Ingiliziitiin “lull”kan jedhamu waliin caalaa wal gitu danda’a. “Hush” inni jedhamu kun “usi”ykn “callisi” kan nuti jennu waliin wal gita. Ingilizootis ijoollee haala nuti sossobnuun ykn huruursinuun huruursu waan ta’eef dhimma kana irratti aadaa walfakkaatu qabna jechuu dandeenya.Aadaan keenya kun utuu hin … Continue reading Ijoollee hurursuun
Baay’een na yaachisa Akkamiin gadi ciisa Jiruun nama tokko Maaliif na yaaddessa Waggaa meeqa jiraatu Biyyaa lafaat irra Yaaddoo an hin cabsadhu Mee kaasaa na irraa Boo’een hin cabsadhu Ba’ees hin boqadhu Ba’ii badiinaan jedha Maaliif hin baqadhu? Eessatti baqadha Eenyuttan baqadha Orma na in beekne Lubbuu koo maal nyaadha Maraachuun koo hin hafne Qullaa … Continue reading IMIMMAAN YAADAA
DURII FI HAR'A ..DUR Duumessa jaalalaatu Lafa keenya uwwisa Ijoolleetu gad-jedhee Maanguddoota dubbisa HAR'A... Jaalalli dhidhimee Jibbi guutee lafa! Safuun biyyaa ba'ee Fakkaateera fafa! .. .. DUR... Hunduu qixa qaba; Ormi dinqa hinlixu! Fo'aan dhugaan dhufe Ololaan hincitu! .. .. HAR'A... Sobatu shubbisa; Dhugaatu gad-jedhe! Gadheen dinqa bulee, Dubbata waan fedhe! Gammach G.