Bacoo

Barataa tokkotu yeroo hunda barsiifatee mana baruumsa deema. Yeroo hunda sababa adda adda dhiyeesin beekama. Guyya tokko yeroo inn mana baruumsa ga’uu barsiisan daree seene barsiisa ture. Innis dhufee balbala rurukutee . Barsisaniis, “har’a immoo maal taate sitti barfatee?”jedheen. Yaa barsiisa koo ani kubba milla baay’een jalladha. Gara ganamaa keessa abjuu koo keessa kubba milla … Continue reading Bacoo

Baacoo

Guyyaa tokko barsiisaan Herregaa tokko daree keessaattii osoo barsiisaa jiruu, baratootaa gaffii tokkoo gaffate. “Ro’oota 10 irraa 1 yoohir’isan meeqatuu hafaa?”  jedhee gaffate. Barataan warraa isaaf horii fi ro’oota tiksuu tokkoo harka baase “ Homtuu hin hafan”Jedhee deebise. Barsiisichis, “ Akkamitti?” jedhee gaffate. Baratichis  deebisee,  yaa barsiisaa ani amala ro’oota keenyaa nan beeka, yoo tokkoon … Continue reading Baacoo

Pirezidaantii biyya Uragaayi

Hardha pirezidaantii biyya Uraagaayi isa hiyyeessaafi falaasamaa ta’ee wajjin wal isin barsiifna.Garuu kallattiin utuu gara seenaa jireenyaafi hojii Pirezidaantii kanaatti hindabrin dura Waa’ee falaasamaa biyya Girikii durii Pulaatoo jedhamu xinnoo waa isin yaadachiifna. Falaasamaa kan ta’e Pulaatoon,kitaabasaa ”The republic “ jedhamu irratti yeroo ibsu;”uummati biyya tokkoo jireenyasaa guutuu tasgabbiifi heeraan jiraachuu yoo barbaade,namoota biyya bulchuuf … Continue reading Pirezidaantii biyya Uragaayi

Siifsiin

Siifsiin Website/facebook mataa isheetiin ergaa addaa addaa qabattee dhiyaattee jirti, ergawwan ishees, barnoota, beekumsa adda addaa fi Asoosama akkasumas walaloowwan uummata boo’aarsan of keessatti qabattee jirti , isinis akkuma kanaan duraa yaada keessan karaa websitii keenyaa like gochuun, barreessuun barnoota ga’aas argachuu dandeessu.

Maadiibaa – Abbaa Gaarummaa

Goota... ijoollummaadhumaa jalqabee gosa isaanii keessatti hooggansaaf kaadhimamaa ture, Neelsan Maandeellaan: ALA bara 1918 Kibba Bahaa (Afrikaa kibbaa) ganda baadiyaa Veezooo jedhamtu iddoo addaa Tiraaniskeetti dhalatan. Maqaan maatiinsaanii moggaasaniif Rolihlaahilaa Dalibhunga Maandeellaa jedhama. Hiikni maqaasaaniimmoo damee mukaati, hiika ‘jeeqaa’ jedhus akka qabu ni himama. Sana booda waggaa torbatti mana barumsaa seenan. Maatiisaanii keessaas namni yeroo … Continue reading Maadiibaa – Abbaa Gaarummaa

Akkoo Manooyyee

Guyyaa tokko Mootiin Akkoo Manooyyee jedhamtu, uummata walitti qabdee “lafaa fi waaqa gidduutti mana naaf ijaaraa” jettee murtoo dabarsite, uummannis ajajni kun itti ulfaatee mala dhahuutti ka'an. Guyyaa birra ofitti waamatnii, “abbaatu utubaa dhaabbate kottu utubaa nuuf dhaabi” jedhani. Isheenis utubaa dhaabu waan hin dandaanyeef dhiisaa haa hafuu jette jedhama.

Itoophiyaa keessatti Sa’atii ykn Yeroo akkamitti himama?

Dhaabbattonni idiil addunyaawwaa ta’an kan biyya Itoophiyaa keessa jiran, waliin sagantaa ykn beellama qabachuuf haali yeroo ittin fayyadamnu salphaa miti.  Kunis kan ta’u danda’eef Itoophiyaan sa’atii ykn yeroo kan mataa ishee waan qabduuf. Kunis kan warra dhiyaa irraa garaagarummaa sa’atii 6 kan qabudha. Yeroo bay’ee namootni akkas jedhu, “ akka sa’atti warra dhiyaatti,  sa’atii 2:00 … Continue reading Itoophiyaa keessatti Sa’atii ykn Yeroo akkamitti himama?

Walaloo Jaalalaa

Maaliin si fakkeessuu Attamiin si ibsuu Eenyuun si fakkeessuu Midhaayaan moo hadhaani Dammaan moo aannani Heexoon moo summiini Biftikeehoo maali Diimaamoo gurraacha Adii moo hoomicha Keelloo moo booricha Dhuguma ati maalii Isa si qorateef Tooftaa sitti bareef Ilaalee hubateef Kan dhugaa dheeboteef Qabee si kunuunseef Dhuguma jaalala Eenyutu si caala Doofaa qaroomsita Goota laphee fuuta … Continue reading Walaloo Jaalalaa

Mammaaksota

Tokko Jennee, lama Jenna jedhuu Oromoon. Aariin abbaa ajjeeftu, ilmatti ceeti. “Abbaan kee eenyu?” jennaan “haati koo farda” jette gaangeen. Abdii olla, niitiin dhirsa heexoo obaafti. Adaamii olla agamsaa, imimmaan irraa hin qooru. Afaaniin maqanii, miillaan hooda dhaqu. Afaan leencaa, huubni hin kajeelu. Akka hiree malee, akka hiriyaa hin bulan. Arrabaan arraba hidhu. Bakka qeerransi … Continue reading Mammaaksota