Bishaan burqaa jireenyaati

Bishaan burqaa jireenyaati Kan lapheefi lafa goggoge jiisu  Dachee magarisomsee  Kan lubbuu gammachiisu  Garuu... Naannoon qulqullina dhabee Gaafa balfaan faalamu  Bishaan lubbuuf sooratan Gaafa xuriin dhaalamu Dhukkuba daddarbaatu  Qe'ee nama hundaa lixa Lubbuu namaafi bineeldaa Du'aan lafarraa fixa  - Xiqqaafi guddaan wal dhageenyee Amaanaadhaan  gadi teenyee  Ollaa bitaafi mirgaa dhaggeefannee Rakkoo jiru furuuf murteeffanne Amaanaa … Continue reading Bishaan burqaa jireenyaati

Adeemsa Seera Tumaa

Adeemsi seera tumaa sirna Gadaa keessatti seeraafi dambii mataa isaa qaba. Sirna gadaa Oromoo keessatti adeemsi seera tumaa adeemsa hirmaannaa uummata baldhaatti kan amanuufi kan ittiin raawwatudha. Akka seera Gadaatti namni kamiyyuu kan umuriinsaa eyyamu hunuu adeemsa seera tumaa irratti argamuuf mirga qofa osoo hin taane, dirqama sabummaas qaba. Adeemsa seera tumaa kanarrattis namni hunduu … Continue reading Adeemsa Seera Tumaa

Koroonan Ulfina hinbeektu

Koroonaa vaayiraasii mata nu yaabuu feeti. Of eguu ni dandeenya sodaa hin barbaachisuu.Ittisa koroonaadhaf gorsaa oggeessa haa dhageenyu. Yeroon kun ni dabartii hin dabarrtuu hin se'iina.Wareegama qaalii hacuccaa bara hedduu.Qilleensarraa hin dhufne tolaatis as hin geenye.Salphoon seenaa hin beekne koroonaa vaayiraasii,Har'aa dhiiraa nut taati. Utumaa dhaga'anii gorsa ogeessa fayyaa.Innoo gurraachaa hin miidhu jedhani walitti qoosuu.Waaqayyoo nu … Continue reading Koroonan Ulfina hinbeektu

Sirna Fudha fi Herumaa!

Mee nannoo isiin jiraatanitti, sirni gaa’illi ittin rawwatamuu maal fakkataa? Akkuma saba bal’aa qabnuu aadaan fudhafi heeruma Oromiyaa keessatti karaa adda addan akka raawwatamuu beekamaa dha. Mee har’a sirna gaa’ila nannoo tokkotti argee isiif qooda. Sirnichii kan jalqabu guyyaa gurbaan warra intalaatti jarsoolee sadii hanga torbaa ta’an ergachuun jalqaba. Garuu guyyaa jalqabaa jarsolee deeman gara … Continue reading Sirna Fudha fi Herumaa!

Qotee bultootni tooftaa gabaa argachuu baran

Jireenya Qotee bula Tura Tashitee “Ani abba ijoollee 8 ti; shamarran sadii fi dhiira 5. Haadha manaa waliin nama 10. Yeroo sirna Dargii keesssa gara barumsa mootummaatiin diqqoo/xinnoo baradheera.  Haati mana kiyyas barattee jirti.” Waan armaan olii kan nuuf ibse Turaa Tashitee jedhama. Qoteebulaa dhalaata Godina Arsi Lixaa, Aanaa Kofalee, Ganda Gormichoo ti. Waa’ee fooyya’uu jiruu … Continue reading Qotee bultootni tooftaa gabaa argachuu baran

Waamicha Barreessitoota Oromoof

Barruulee Siifsiin yeroo gara yerootti qabiyyeewwan ogbarruu Oromoo asoosama gaggabaaboo, walaloowwaan, afoola oromoo, mudannoowwan, baacoo bashannansiisaa barsiisan, seenaa namoota bebbeekamoo addunyaa kan muuxannoo irraa qooddataniifii kanneen biroo qabatee yeroof ji'a lamatti al tokko hawaasa Oromoo biraan ga'aati jira. Kanaafuu kaayyoon keenya barreesitoota jajjabeessuu waan ta'eef, waan barreessitanii harkaa qabdan Siifsiin karaa godhachuun akka lammii keessaniin … Continue reading Waamicha Barreessitoota Oromoof

Hibboo 

Mootittiin kun saanduuqa ishee akka argattuu gargaaruu dandeessa? Itti dhiyaadhaa! Hibboo  Mootittiin kun saanduqa ishee dhabde! Namoonni mi'ooftuuwwan ishee jalaa hin nyaanne dhugaa himu. Isaan warri hatanii nyaatan ammoo soba dubbatu. Wayita gaafataman, naamoonni shan akka armaan gadiitti deebii kennan... Nama 1: 'Nu keessaa namni tokko nyaateera' Nama 2: 'Nu keessaa namonni lama nyaataniiru' Nama … Continue reading Hibboo 

Mootota Shanan Gibee

Biyyii Jimmaa jedhamu maqaa kana kan argatee maqaa gosaa Oromoo maccaa kannarraayi jedhama.Mootummaan shanan gibee dhuman jaarraa 17ffaa keessa hundeeffamee sirna gadaan hogganamuu ykn immoo buluu jalqabe.Xumura jaarraa kanarraa kaasee mootummaan shanan gibee hunda’e. Mootummaan shanan gibee jedhamuun kan beekamanu Limmuu Innaariyaa, Gumaay,Gommaa, Jimmaa fi Geeraa dha. 1.Limmuu,Innaariyaa Seenaa mootummaan shanan gibee keessatti Limmuu Innaariyaa … Continue reading Mootota Shanan Gibee