Namni kamiyyuu mirgaafi bilisummaa yaada fedhe qabaachuu fi yaada isaa ibsachuudhaa ni qaba. Mirgi kun tokkoon tokkoon namaa hundi dhiibbaa tokko malee yaada akka qabaatuufi daangaan osoo isa hin daangessine meeshaa fedhe hundaan odeeffannooleefi yaadoota bilisummaa barbaaduu kennuufi dabarsuudhaa ni dabalata.
Category: Barnoota
Kan dabarsite yaadadhu.Kan keessa jirtutti jabaadhu.Kan itti deemtuuf abdiin jiraadhu.Bakka yaadde gahuuf obsa qabaadhu.Kaayyoon kee akka galma sii gahuuf rabbiin kadhadhu!
Jaalala onneeBeekumsa sammuuObsa garaaDhugaa arrabaaOgummaa harkaa qabadhu!
Jecha kee eeggadhu, isatu gocha ta’aatii.Gocha kee eeggadhu, isatu amala ta’aatii.Amala kee sirreessi isatu namoota wajjiin si jiraachisaatii.Jireenya kee fooyyessi, isatu boqqonnaa bara jireenya kee guutuutii.Qabeenyaan qabduun namatti hin boonin, qabeenyi fixeensa ganamaatii.Beekumsa qabduun uf hin tuulin, namoonni si caala beekan heddutu jiraatii.Aangoo qubaan si filaniin uf hin dhiibin, qubaan irraa si buusaniitii.Hin hatin abaarsa … Continue reading Addunyaa Tana Irratti:
Kan tokko tuffate tokko manaan bulfate Warraan buluuf sareen somba nyaattee bulti Saree deemsa hammaattu marratu duubaa qalata Akka sooressi haasawu hiyyeessi maalala Barri ni darba taajjabbiin hin darbuKaraa an jaalaadhu na arii’atan jedhe waraabessi Haak jedhanii waa tufan , mammaakaa waa himanAadaafi aduun ni dhokatan malee hin badanBareedinni gurraachaafi dubbiin gamnaa nama bira gaheetu hubama
Namni kamiyyuu mirga yaadaa, sammuufi bilisummaa amantii ni qaba. Mirgi kun bilisummaa amantii isaa ykn amantaa isaa geeddaruu akkasumas kophaa isaa ykn namoota biroo waliin tahee gamtaan, dhuunfaan ykn waltajjiirratti amantii ykn amantaa isaa barsiisuu, hojiirra oolchuu, itti amanuufii seeroota isaa raawwachuudhaa ni dabalata.
Namni kamiyyuu dhuunfaatis tahee namoota biroo waliin tahee mirga abbaa qabeenyaa tahu ni qaba.Namni kamiyyuu garmalee qabeenyaa isaa akka dhabu hin taasifamu.
Sababa sanyii lammummaa ykn amantiitiin utuu hin daangeffamin dubartootaafi dhiironni umuriin isaanii gaa’elaaf qaqqabe walfuudhanii maatii hundeessuuf mirga qabu. Fuudhaafi heeruma isaanii hoggaa hundeessan, walfuudhanii hoggaa jiraataniifi bultiin isaanii hoggaa diigamus mirga wal qixxee qabu. Gaa’elli kan raawwatamu fedhii bilisaa fi guutuu namoota walfuuchuuf fedhanii qofaani.Maatiin qaama uumamummaatiifi bu'ura hawaasaa waan ta'eef eegumsi hawaasaafi mootummaa … Continue reading MIRGOOTA NAMOOMAA Addunyaa Keewwata 16
Keewwata – 15 Namni kamiyyuu mirga lammummaa argachuudhaa ni qaba. Namni kamiyyuu mirgi lammummaa isaa garmalee hin mulqamu; akkasumas mirga lamummaa isaa geeddaruus hin dhorkamu.
Abdii hin kutatan: Yoo kufaan ka’uu akka danda’an beeku.Waan gaarii fi cimina ofii isaannii kan irraa nama biraa arguu danda’u: Hir’ina isaani irratti osoo hintaane waan qabna irratti xiyyeeffatu.Hiriyoota gaarii ta’an nannoo isaanitti qabatu:Wa’ee dogoggora darbeef deddebi’anii yaadanii of-hin dhiphisan, garuu irraa baratu.Kufaati isaani dhoksuuf hin dhama’man, akka baruumsa argataniitti yaadu.Murtoo murteessuf ofdubaa hin garagalanYeroo … Continue reading AMALOOTA NAMOOTA MO’ATOO