Guyyaa Addunyaa kan Dubartotaa 

Guyaan Addunyaa kan  Dubartootaa waggawaggaatti Bitootessa  8 tti kabajama.  Guyyaa kana biyyootni addunyaa baayeen milkaa’ina ajaa’ibaa kan dubartootaa jireenya keessatti bifa adda addaatiin argame kabaju. Bu’aa jireenya keessaa qofa osoo hinn taane hawaasaa keessatti gumaacha guddaa isaa argamsiisanis ni kabaju. Kana malees guyyaan kun dubartoontni dandeettii isaaniitti akka fayyadaman kan dandeessisu guyyaa walqixximmaa koorniyaa addunyaatti mirkaneessuuf  tarkaanffii fudhachuu qabnu itti … Continue reading Guyyaa Addunyaa kan Dubartotaa 

Hambaawwan Dinqisiisoo Adduunyaa

Gimbii Chaayinaa Guddicha (The Great wall of China) Dhaabbata barumsa aadaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii (UNESCO)dhaan kan galmaa’an dinqisiisoo adduunyaa torban gidduudhaa tokko kan ta’e gimbii guddicha Chaayinaadha.Gimbiin guddichi Chaayinaa kan ijaarame, dhaloota Kiristoos dura waggaa 220 (220 B.C) jalqabamee xummuuruuf baroota dheeraa fudhate. Dheerinni gimbii kanaa walumaa galatti,k.m.21,196 si’a ta’u kan ijaarames Chaayinaa bahaa irraa … Continue reading Hambaawwan Dinqisiisoo Adduunyaa

  Hambaawwan Dinqisiisoo Adduunyaa Torban Isaa tokko

Piraamiidii guddicha biyya Misiraa (Gibtsii) Piiraamiidiin kun dhaabbata barumsa,aadaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii adduunyaatti (UNESCO)tti kan galmaa’e hambaawwan dinqisiisoo adduunyaa torban keessaa isa guddichadha. Akka barreessitooti seenaa biyya Misiraa ibsanitti, Piraamiidii kana ijaaranii fixuuf waggaa 10-20 isaanitti fudhate.        Piiraamidiin kun kan ijaarame dhaloota Kiristoos dura,waggaa 2560 (2560 B.C) si’a ta’u,ol dheerinni isaa meetirii … Continue reading   Hambaawwan Dinqisiisoo Adduunyaa Torban Isaa tokko

Labsii Walii-gala Mirgoota Namummaa

Mirgaa Namummaa Murtoo Wal-ga'ii Walii-gala kan Dhaabbata Waldaa Mootummootaatiin qabxii 217 A (iii) jalatti Mudde baatii 10 bara 1948 itti Akka Murteeffamee, Ragga'ee Labsametti. SEENSA Ulfinni fi wal-qixxummaan ilmoo namaa kan uummattoota hundaa akka ifatti kabajamu gochuun bu'ura bilisummaa, haqaa fi nageenya addunyaa waan ta'eef; Mirga namummaa irra ijjechuun yookaan tuffachuun yeroo hunda jeequmsa badiisa … Continue reading Labsii Walii-gala Mirgoota Namummaa

“OF JIBBITUUN NAMA HIN JAALLATTU!”

“Of jibbituun nama hin jaallattu” jedha Oromoon dhimma walitti dhufeenya hawaasa gidduu irratti yeroo dubbatu. Himni kun (statement) dhaamsa guddaa qaba.  Ogeessotni xiinsammu (psychology/psychiatry) maal akka jedhan hin beeku malee hiikni dhimma kanaa ballaa dha. Ummatni Oromoos hagam akka dubbii achi fageessee ilaalu nu hubachiisa.  Egaa ka’umsi dubbii kanaa ‘namni of jaallata’ waan jedhu mullisa. … Continue reading “OF JIBBITUUN NAMA HIN JAALLATTU!”

CIIGOO Afaan Oromoo

  Ciigoon akaakuu Afoolaa keessaa isa tokko yoo ta’u, jiruuf jireenya ummataa keessatti seenaa,aadaa, duudhaa, jaalala jibbaa, gaddaaf gammachuu, amantaa shakkii, waliin jireenyaa waldhabiinsa, tokkummaa garaagarummaa, tolaa hammeenya, kkf ittiin ibsachuuf bu’aa guddaa qaba. Kana malees, wanti dubbannu sirritti akkaisa ta’uu fudhatama argatuuf nu tajaajila. Ciigoon garee jechootaa, gaalee, ykn hima ta’ee dubbii dachaa ta’e … Continue reading CIIGOO Afaan Oromoo

Midhaan ungulaaluu yoom jalqaban laata?

Yeroo daa’imummaa naannoo manaa irraa fagaadhee hin deemnetti ogummaa midhaan ungulaaluu shamarreen ykn dubartootni hojjetan ilaalaan ture. Ungulaaluu sana keessatti midhaanis ta’e maaxxoon (daggalli) kallattii tokko keessa marsaan yaa’u. Marsaa n yaa’uun sun aartii nama hawatu qaba. Ungulaaluun kun yoo gara harka mirgaas ta’e gara harka bitaatti buufachuun ungulaalan garaagarummaa hin qabu. Maaxxoon garuu midhaan … Continue reading Midhaan ungulaaluu yoom jalqaban laata?