Afaani fi baay’ina Afaan Addunyaa Keenya!

Biyyaa papua New Guinea, Afaanota 820Biyyaa Indooneziya,  Afaan 742Biyyaa Nijeeriyaa, Afaan 516Biyyaa Indiyaa Afaan 427Biyyaa Ameerikaa, Afaan 311Biyyaa Meksikoo,Afaan 297Biyyaa Kaameruun, Afaan 280Biyyaa Awusteraliya, Afaan 275Biyyaa Chaayinaa, Afaan 241Biyyaa Kongoo, Afaan 216Biyya  Biraazil , Afaan 200Biyyaa Philipinsii, Afaan 180Biyya Maleziyaa , Afaan 147Biyyaa Kanadaa, Afaan 145Biyyaa sudaan, Afaan 134

Parkii Gaarreen Bale kutaa 2

Paarkin Baalee paarkii bineensota achi qofa jiraatan baayyee kan qabu yoo ta'u bineensota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan garuu balaa keessa warra jiran baayyedhaaf iddoo murteessadha. PBGB hoosiftoota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 20 fi hoosiftoota Gaarren Baalee keessa qofa jiraatan shaniif iddoo jireenyaati. Hoosiftoonni PBGB keessaa faayidaa guddaa qaban jeedala fardaa (anis simensis), gadamsa gaarrenii (Tragelaphus … Continue reading Parkii Gaarreen Bale kutaa 2

Parkii Garreen Baale kuta Tokko

Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee paarkii biyoollessaa Oromiyaa godina Baalee keessa jiru yoo ta'u paarkin kun bidoollee dachee addunyaarra jiru kamiyyuu caalaa bineensota baayyinaan achi jiraatan qabaachuun beekkama. Paarkin kun bara 2009 Tarree Ambaa Addunyaa kan Yeroo keessatti galmaa'eera. Paarkin Baalee ballina tilmaamaan 2,150 km2 ta'u qaba. Paarkin kun bidoollee adda ta'an shanitti qooddama: lafa margaa … Continue reading Parkii Garreen Baale kuta Tokko

Mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaa Keewwata – 21

Namni kamiyyuu mootummaa biyya isaa keessatti kallattiidhaan ykn karaa bakka bu'oota isaa kanneen bilisaan filatamanii hirmaachuuf mirga ni qaba.Namni kamiyyuu tajaajila mootummaa biyya isaa keessaatti namoota biroo waliin walqixa fayyadamuudhaaf mirga ni qaba. 3. Bu'uurri aangoo mootummaa fedhii ummataati; fedhiin ummataatiis kan ibsamu yeroolee murteeffamanitti filannoowwan adeemsifamaniin hoggaa ta'u; filannoowwan kunneen nama hundaaf carraa walqixaa … Continue reading Mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaa Keewwata – 21

Yoo Nama Taate

Jaalala baay’isi.Beekumsa ida’i.Qabeenya hiri.Inaaffaa hir’isi.Ilaalcha wal-qixxeessi.Hojii guddisi!Teessuma xiqqeessi. Jaalalli Dhugaa: Mi’aawaadhaa dhandhamadhu.Urgaawaadhaa fuunfadhu.Gammachuudhaa simadhu.Icciitiidhaa eeggadhu.Dorgommiidhaa itti hirmaadhu.Qabsoodhaa injifadhu.Abdiidhaa obsaan eeggadhu.Qabeenyaa horadhu.Bultiidhaa ijaaradhu.Gaaddisaa jala boqadhu!

Qabaadhu

Jaalala onneeBeekumsa sammuuObsa garaaDhugaa arrabaaOgummaa harkaa qabadhu!  Bara Jireenya Kee Keessatti: Kan dabarsite yaadadhu.Kan keessa jirtutti jabaadhu.Kan itti deemtuuf abdiin jiraadhu.Bakka yaadde gahuuf obsa qabaadhu.Kaayyoon kee akka galma sii gahuuf rabbiin kadhadhu!

Qorichaafi Baala Saammuu Haddoochan

Qorichawwaniifi baala Haraaraa (Araada) Nama qabsiisan Sadarkaa adduunyaatti, namooti tokko tokkoofi hawaasni, rakkoowwan qoricha dhorkamanii isaan muudataa jira. Qoricha hin hayyamamineen fayyadamuudhaan,namooti dandeettii isaanii akka hindhugoomsine / humna keessa isaanii, guutumaan akka hin mul’isine/ kan isaan ittisuufi  guddina hawaasaafis guufuu ta’an jiru.Gabaabumatti qorichawwan kunniin, fayyadamtoota, maatii,uummatafi hawaasa irratti,rakkoo hamaa kan geessisanidha.Addunyaa’rratti qorichawwan seeraan dorkaman,to’annoo ala … Continue reading Qorichaafi Baala Saammuu Haddoochan

Haala Namootaa

Akkaataa qo’annoofi qorannoo ogeessota  xin-sammuutti, haala (amala) namootaa bakka  lammatti qoodu.Inni tokkofaa, Abdii Qabeessota [“Optimist”] jedhaama.  Kana  jechuunis, waan hundumaa  ija gaariin [positives] kan ilaalaniifi fudhatanidha. Fakkeenyaf  ani kitaaba sirraa  ergifadhee, sababa rakkoo yaadaa, hubannoo dhabuufi  xin-sammuu qabu irraa kan ka’een  kitaaba  kana  yerootti siif  hindeebisne. Ati garuu deebii gaarii anaaf qabdu akkam akka ture  … Continue reading Haala Namootaa