Albuuda Qabsoon Boodaa

Hir’inaafi hiyyuma mataa isa cabseef kan hin jilbeenfanne, halkaniifi guyyaa jireenya qabsoo abbaafi haatisaa keessa ce’anii as ga’an homaattuu kan hinlakkoofne Sarbeessaan ilma maatii qotee bulaati. Gidiraa ijoollummaan mataa isa cabsaa ture hunda har’a irra taa’ee gaafa yaadu himala inni taasise hundi har’a isaaf mudannoo godaannisaa hindagatamnedha. Sammuusaan kanatti qabamee mul’ata fuulduraa kan akka abiddaa … Continue reading Albuuda Qabsoon Boodaa

Yaa biyyoo Nanyaadhu

Magaalaa guddaa Oromiyaafi Itoophiyaa kan taate Finfinnee keessattidha.Ji’a Waxabajjii bara 2002.Guyyaansaa Dilbatadha.Guyyaan kun guyyaa boqonnaakoo waan ta’eef hiriyaakoo dhukkubsatee mana waldhaansa fayyaa,Xuqur Ambassaa ciisee waldhaanamaa jiru gaafadhee, sana boodammoo nama meeshaa daldalaa biyya alaatii naa fichisiisuutti horii kennuuf sagantaan qabadhe.Manni waldhaansa fayyaa Xuqur Ambassaa kun keessummoota dhukkubsattoota dubbisuu barbaadaniif sagantaa baase irratti, Guyyoota Dilbataafi Sanbataa … Continue reading Yaa biyyoo Nanyaadhu

Yaa biyyo Nanyaadhu

Magaalaa guddaa Oromiyaafi Itoophiyaa kan taate Finfinnee keessattidha.Ji’a Waxabajjii bara 2002.Guyyaansaa Dilbatadha.Guyyaan kun guyyaa boqonnaakoo waan ta’eef hiriyaakoo dhukkubsatee mana waldhaansa fayyaa,Xuqur Ambassaa ciisee waldhaanamaa jiru gaafadhee, sana boodammoo nama meeshaa daldalaa biyya alaatii naa fichisiisuutti horii kennuuf sagantaan qabadhe.Manni waldhaansa fayyaa Xuqur Ambassaa kun keessummoota dhukkubsattoota dubbisuu barbaadaniif sagantaa baase irratti, Guyyoota Dilbataafi Sanbataa … Continue reading Yaa biyyo Nanyaadhu

Akkaataan Ilaalchaa Akkaataa Jireenyaaf Murteessadha!

Namni sadarkaa jireenyaa adda addaa keessa akka darbu nama hundumaaf ifaadha. Yeroo sadarkaa jireenyaa kana keessa darbus ilaalcha inni ittiin wantoota isa quunnaman ilaalu, ilaalcha adda addaa ta’a jedheen yaada. Kana malees  ilaalcha  isaanii keessatti mul’ata ittiin  waa ilaalanii adda baafatan namootni hin qabnes baayi’een jiru. Kanaaf yeroo hedduu namootni akka kanaa ni ilaalu malee … Continue reading Akkaataan Ilaalchaa Akkaataa Jireenyaaf Murteessadha!

Akkaataan Ilaalchaa Akkaataa Jireenyaaf Murteessadha!

Namni sadarkaa jireenyaa adda addaa keessa akka darbu nama hundumaaf ifaadha. Yeroo sadarkaa jireenyaa kana keessa darbus ilaalcha inni ittiin wantoota isa quunnaman ilaalu, ilaalcha adda addaa ta’a jedheen yaada. Kana malees ilaalcha isaanii keessatti mul’ata ittiin waa ilaalanii adda baafatan namootni hin qabnes baayi’een jiru. Kanaaf yeroo hedduu namootni akka kanaa ni ilaalu malee … Continue reading Akkaataan Ilaalchaa Akkaataa Jireenyaaf Murteessadha!

Joorsee

Joorseen utuu gargaarsa hin dhabin haala kashalabbummaa isaa irraa kan ka’e barumsa isaa kutaa saddeet irratti dhiisee warra isaa jalaa badee magaalaa Finfinnee keessa hojii hanna irratti bobba’ee jiraata. Magaalaa Finfinnee gabaa ganda Agamsaa (Markaatoo) ,Malkaa Daabbuus (naannoo irraangadee karaa Charchil) Roobii (Nafaas silkii) Baddaa Ejersaa (Raas Kaasaa) Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) jedhamanii fi walumaa galatti … Continue reading Joorsee

Afaan Oromoo: Afaan guddicha

Dhala namaa bineensotaa fi uumama lubbu qabeeyyii kanneen biroo irraa waan adda baasan keessaa inni tokkoo fi guddaan afaan ykn qooqaa jechoota hedduu seeraan wal duraa duuba tarreeffamanii himaan yaada dabarsaniin dubbatee waliif galu qabaachuu isaa ti. Afaan ittiin waliigalamu kunis meeshaa duudhaan, safuun, eenyummaa fi aadaan saba tokkoo ittiin ifatti ba’u (dha). Uummanni afaan … Continue reading Afaan Oromoo: Afaan guddicha

Kaayyoof

Halkaaniifi ganama addaan hinbeeku. Halkan isaaf bariidha; ganamni immoo isaaf guyyaadha. Halkan baha; halkan gala. ni fiiga; takka turu immoo ni sussuka. Barii waca sinbiraafi yaasa saree baha. Halkaan bobbaa bineensotaa gala. Fira hinqabu; rakkina garuu hindhabu. Ganama barii Gaara Cilaalootti ol lulluka. Gabaa hin ooluu yeroo achi gahe akka cabbii cabbaa’a. Qorri Gaara Cilaaloo … Continue reading Kaayyoof