KITAABNI AFAAN INGILISIITIIN BARREFFAME MAXXANFAMAA JIRA

Kitaabni jireenya waggoota shantamaa (50) ungulaalu maxxanfamaa jira. Kitaabni Afaan Ingilisiitiin barreffame kun dhimmoota garaagaraa mataduree 100 kessatti qabatee jira. Dhimmootni matadurelee kunneenii bifa gaggabaaboo dhaan barreffaman (miiltoo lameen ilaali). Barreffamoonni akkasitti qopheffaman kunneen Afaan Ingilisii gara hawaasa Oromootti kan fidedha. Dhimmootni irra guddeessi irratti xiyyeffataman Oromiyaa fi Oromoo calaqqisu.  Kitaabichi Afaan Ingilisii gara hawaasaatti … Continue reading KITAABNI AFAAN INGILISIITIIN BARREFFAME MAXXANFAMAA JIRA

Dajazmach Gameessa Gaarii

Yaadannoon mana baruumsa handhuura Finfinnee nannoo charchir jiru,kan maqaa Lisee G/ Mariyam mogga’e kan eenyuu akka ta’e beektu? Nannoo harar  keessa illee maqaan dandii tokkoo maqaa kanaan mogga’ee jira. Mee goota kaanaan wal baraa. Maqaan isaa inni maatiin isaa baasaniif  Gameessaa Gaarii jedhama,kan dhalate nannoo kibbaa lixa shaawattia bara 1866 tti   abba isaani obbo … Continue reading Dajazmach Gameessa Gaarii

Ajaa’iba Finfinnee, Harmeedhaaf

Uumaa waa maraa, gurraacha garaa garbaa, tokkicha maqaa dhiibbaa maqaa waaqayyoon nagaankoo hundumaa dursee si haa gahu. Nageenyi koo inni garaakoo irraa madde, kan onneekoo irraa burqe, gaarreen qaxxaamuree, laggeen ce'ee xalayaan yaadaafi yaaddoo hammatte tun haadha too Harmeedhaaf. Harmee... akkam nagaa naaf jirta? Ni tirattaa? Ni jabaattaa? Fayyaan kee sun akkam sitti jira? Naaf … Continue reading Ajaa’iba Finfinnee, Harmeedhaaf

Magaalaa Amboo

Seenaan Magaala Ambo kan barreffamee dhumu ta’uu baatus  mee hanga tokko isiinif qooda. Ambo magaalaa Oromiyaa gara dhihaatti aanaa Amboo keessatti argamtu. Magaalaan Amboo naannoo Oromiyaa godina Shawaa Dhihaa kessatti argamti. Magaalaan kun Finfinneerra gara dhihaattii Kiilomeetira 125 fagaattee argaamti. Ol ka’iinsi lafaa naannoo Amboo meetira 2101 yeroo ta’u laatiitiyuudii fi loongitiyuudiin ishii 8059’N 37051’E ta'a. Ambo waan baayyedhaan beekkamti. Kana keessa tokko hora (mineral water) … Continue reading Magaalaa Amboo

Seenaa Goota Oromoo Garasuu Dhukii Kutaa Tokkoffaa

Garasuu Dhukii abbaa isaa Dhukii Gulummaa fi haadha isaa Warqee Elemoorraa Caamsaa 1905 dhalate. Bakki dhaloota isaa karaa Finfinneeraa gara magaalaa Walisootti geessu cinaatti kan argamu iddoo Maaruu jedhamutti ture. Umuriin isaa barumsaaf akka ga'een, maatiin isaa waldaa amantii Orotodoksii Maaruu Mikaa'el jedhamurraa barsiisaa mindeessuun obbolaa isaa wajjin barumsa mana amantichaa akka hordofu taasisan. Tapha Garasuun jaalatu keessaa inni guddaan fardaan … Continue reading Seenaa Goota Oromoo Garasuu Dhukii Kutaa Tokkoffaa

Qaroo Dhiiga Boosse Boqonna tokko kutaa Lammaffaa

Mootii Mootummaa Abdiidhan Qaroo Dhiiga Boosse Boqonna tokko kutaa Lammaffaa fi kan xumuraa ... Aadde Bashaatuunis akka obbo Liiban eyyama poolisiin arguu barbaadan eegduu mana hidhichaatti himan. Obboo Liibanis waaamicha maqaasaanii dhaggeeffatanii yeroo gadi ba’an, aadde Bashaatuun akka yeroo darbee gala isa har’a qofaa nyaatamu qofa fidanii hindhufne. Galaa borii, gala bor boriin duubaa galgala … Continue reading Qaroo Dhiiga Boosse Boqonna tokko kutaa Lammaffaa

Qaroo Dhiiga Boosse!

BOQONNA TOKKO KUTAA TOKKOFFAA Kan guyyaa kaleessaafi dheengaddaa caalaa, ganama har’aa utuu ijibbaatuu hirribarraa ka’e. Sagalee gadi qabee boo’a. Ii….ii…iih lafatti of rukuta, nigangalata. Bo’ichasaatu daa’immummaa isaa akeeke malee, yaadniifi hawwiin gola garaasaa keessaa qabu hayyuu akka xobbee qummaadaa jiru isa fakkeessa, yoo ta’es ganna saddeet keessa jira.  Maaliif akka inni boo’u harmeensaa yoo yaaddus … Continue reading Qaroo Dhiiga Boosse!

Seenaa Guddataa (4ffaa)

https://soundcloud.com/user-897514358/seena-guddataa-4ffaa Kuta Afraffaa Yeroo Guddataan garee wal-gargarsaa wajjiin jalqabe bay’ee sodaatee fi dhiphate. Toftaan kun akkamitti nama qaroo hin qabne gargaara, jedha. Innis torbee torbeedhaan santiima 50 kan kadhatee argatu irraa isaan bira gessuu qaba, garuu inni namoota argee hin beekne amanee qarshii isaan birratti qusaachuun cimma itti ta’e. Isaan yoo najalaa hataan hoo? Isaan … Continue reading Seenaa Guddataa (4ffaa)

Imaanaa

Kuulaniin barcuma miila sadii qabu tokkorra teessee, harka isheen maddii ishee utubdee farda yaadaan takka dachaa bu’aa, takka immoo tabba bahaa imala dhuma hin qabne imalaa jirti. Kan kaleessaa duubatti deebitee yeroo yaaddu duwwummaan isheetti dhaga’ame. Keessumaa yaadni kaleessa Bashaatuun dhiyeessiteef immoo caalaatti mataa bowwuu isheetti ta’e. Gara itti gortu wallaalte. Fira mariyattu hin qabdu. … Continue reading Imaanaa

Namni waan facaase haama!

Namni tokko sooressa yoo ta’e malee hamma fedhe bareedaa ta’aa yoo oole nama hinhawwatu. Namni miskiina ta’emmoo nama hojii ta’uutu irraa eegama.Ergamaa ta’uurra sooressa ta’uutu caala.Isaan kunniin haala qabatamaa jireenya keenya yeroo ammaa ta’uu isaanii Eriskiin tasa hubachuu hindanda’u. Huyi miskiinichi garuu sadarkaa yaadaan hamma kana beekamtii kan qabu hinturre.Jireenyasaa keessatti hojii nama dallansiisu hojjetee … Continue reading Namni waan facaase haama!