Geerarsa Roorroo

 Boqqolloo qonnaan bade Garbun qonnaan maseenee Nutu wallaale malee Yaggus beelli nu seenie Alagaan dhufnaan hoorii Firri dhufnaan wagidii Nutu wallaale malee Yaggus roorroon nu seenee.

Advertisements

Mammaaksa

Aariin abbaa ajjeeftu, ilmatti ceeti. Abbaan booka dhugeef, ilmi afaan hin urgaa’u. Yoo abbaan iyyutu, ollaan namaa dirmata.  Abiddi abbaa irra taa’e, guba. Afaan leencaa, huubni hin kajeelu. Afaan nyaata bare, bulluqa alanfata. Akkeessaa fardaa harreen lafa dhiitti. Bakka fardi hin jirre, harreetu garmaama.  Bakka qeerransi ka’e, jaldeessi taa’a. Bakkuma robe, dhoqqeessa. Duruu gurraachaa ittuu … Continue reading Mammaaksa

FAAYIDAA AKAAKUU LAKKAA’UU

Qomoon Oromoo hundi/marti akaakuu lakkaa’a.  Kun Oromiyaa cufa keessatti beekamaa dha. Aadaan kun sababa adda addaa tiin dhaloota ammaa biratti hanga tokko dagatamaa dhufaa jira. Kun ta’uu isaaf immoo sababoota garaagaraa keessaa barumsaan walqabatee haala uumamaa dhufe; dhiibbaa amantiin lammootni ummatichaa fudhatan uumee; fi dhimmichi/aadaan kun barbaachisaa ta’uu isaa irratti hubannoon gahaan kennamuu dhabuu eeruun … Continue reading FAAYIDAA AKAAKUU LAKKAA’UU

Eebba Ormoo

“Waaqa nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi” Kan nagaan nu oolchites nagaan nu bulchi Irraa goraafi dogoggora nu oolchi  Tolaa nutty qabi  Hamaa ammaataa nutty qabi  Keenyaan nu oolchi keenyaan nu bulchi Biyyaafi qe’ee keenya irratti nu moosisi  Yaa Rabbi tokko nu taasisi Yaadaafi qalbii keenya wal simachiisi Wallaalaa nuu beeksisi  Beekaa nuuf bulchi  Xinnaa … Continue reading Eebba Ormoo

Jechaafi gocha safun

Oromoon aadaa isaa keessatti qabata saqeeffannaa amantaa, kabaja /wayyouma/, ‘aamilee, soda, wkf qabaata. Saqaaffannee kanas gochaafi jechaan ibsata. Oromoon kallattiin du’aafi waa’ee isaa kallattiin hinhimu. Boqote – darbe – rafe – dadhabe Hirmii baafadhu – hirmii hin nyaatin – hirmii tufi Biyyon isatti/isheetti/isaanitti/haasalphatu, maqaa na dhoofte hin jedhin.  Mucaatu harkaa ba’e, ulfatu irraa ba’e jedha … Continue reading Jechaafi gocha safun

Sangoota Sadii fi Bineensa

Dur-dur sangoonni sadii fi waraabeessi tokko waliin jiraatu ture jedhama. Sangoota sadeen keessa tokko gurraacha, lammaffaan burree fi sadaffaan ammo adii ture. Sangoonni sadeen yeroo hunda marga yeroo dheedanii fi bishaanis yammuu dhugan waliin socho’aa turan. Tokkummaa cimaa waan qabaniif jidduu isaanii diinni karaa galee miidhaa irraan gahu argachuu hin dandeenye. Cimina tokkummaa isaanitiin dhufe … Continue reading Sangoota Sadii fi Bineensa