ODUU DURII

Miila, harka, ilkaan, ija, gurra, funyaan, garaa ta’anii walii galteedhaan jiraatu turan. Booda warri kaan walii galteen garaa yakkuu calqaban bu’aa hin buusu jedhaniiti. Garaanis, “maalan balleesse, maaliif na yakkituu? Jedhee gafannaan,” “ati otoo hin hojjetiin waan nuti dhamaanee finne nyaatta,” jedhaniin, achumaanis, “deemi nurraa” jedhaniin, garaanis dubbiin kun murtiitti akka dhiyaatu gaafate. Isaanis, “haa … Continue reading ODUU DURII

Advertisements

Firii miiraa fi Gocha Hamaa

Dubartoota Obboleeyyii Sadeen Wagoota hedduun dura namoota miiraa fi gocha hamaa hannaatiin hiriyooman sadituu ture. Hirriyoonni hojjii hannaa irratti bobba’an kunis waggoota hedduuf hojii hannaa fi abaaramaa ta’e kana madda galii jireenya isaanii godhachuudhaan waliin socho’aa turan. Otuma akkanatti waliin hataa jiraatanii gaafa tokko abbaa milkii ta’anii warqii fi birrii sanduuqa isaa waliin suuqii tokko … Continue reading Firii miiraa fi Gocha Hamaa

Hiibboo

1.Caaltuu: Ulee abbaan koo naa mure hin canus cabus hin badus Caalaa   : Maqaa 2.Caaltuu: Lafee hin qabau ijji isaa dhibbaa Caalaa :  Biddeena 3. Caaltuu: Hin dhiqattu hin dhibattu bareeddi Caalaa: Hiddii 4.Caaltuu: Harkaa facaasanii ijaan guuran /funaanan/ Caalaa: Barreeffama

CIIGOO Afaan Oromoo

  Ciigoon akaakuu Afoolaa keessaa isa tokko yoo ta’u, jiruuf jireenya ummataa keessatti seenaa,aadaa, duudhaa, jaalala jibbaa, gaddaaf gammachuu, amantaa shakkii, waliin jireenyaa waldhabiinsa, tokkummaa garaagarummaa, tolaa hammeenya, kkf ittiin ibsachuuf bu’aa guddaa qaba. Kana malees, wanti dubbannu sirritti akkaisa ta’uu fudhatama argatuuf nu tajaajila. Ciigoon garee jechootaa, gaalee, ykn hima ta’ee dubbii dachaa ta’e … Continue reading CIIGOO Afaan Oromoo

Baacoowwan Oromoo Godina Gujii

Baacoon aartii uummata oromoo bashannansiisaa barsiisudha. Itti dabalas fedhii dubbisuufi barreessuu dubbisuu yookaan barreessaa kan guddisuudha.Haaluma kanaan baacoo godina Gujii keessaa kan arganne akka amaan gadiitti dhiyeessuuf yaalleerra. 1.Ifii boo'e moo isinii boo'e? Durii durii jedhan namicha tokkotu jira. Namichi kun qabeenya kana hinjenne kanneen akka:loon, gaala, farda, gaangee,re'ee, hoolaafi lukkuu kanneeniifi kan biroo bacaa … Continue reading Baacoowwan Oromoo Godina Gujii

Siiqqee 

  Uummanii Oromoo sirna jiruufi jireenya isaa keessatti aadaa akka cirracha galaana keessaa hammaaramee hindhumne baay’inaan qaba. Aadaan kanneenis kan uffannaa, nyaataa, safeeffannaa, waaqeffannaa, amantii, bulchiinsaafi kan kana fakkaatan tarreessuun ni danda’ama. Bu’uura kanaan barruulee kana keessatti, akkuma aadaa bulchiinsa Oromoo keessatti sirni Gadaa iddoo olaanaa qabu, sirni Siiqqee dubartootaas gahee taphatu dhiyyeesuuf barbaadeen. Siiqqeen … Continue reading Siiqqee