Aadaan maal akka ta’e jecha gabaabaadhaan ibsuun rakkisaadha.Ta’us garuu aadaa jechuun amala yookaan akkaataa sabni tokkoo ittin walii wajjin jiraatudha. Haala jiruuf jireenya saba tokkoo jennee kaa’us ni dandeenya. Akkasumaas eenyummaan saba tokko kan ittiin beekamu afaaniifi aadaa isaatinidha.Akkaataa uffannaa,nyaataa,dhugaatii,gaddaa fi gammachuu,fuudhaaf heerumaa,Waaqeffannaa fi akkaataa ittin bulmaata isaani hundinu qabiyyee aadaati jechuun ni danda’ama. Sabni … Continue reading SIIQQEE
Category: Aadaa
“Dubartoota malee Gadaan Guutuu hin ta’u!”kana jechuu waanti nama dandeessisu; jalqabarratti dubartoonni caasaa sadarkaalee gadaa keessa hin darbiin malee ilma deessee guddisuufi sirna gadaaf qofa osoo hin ta’iin kan biyya bulchuufi duulee biyya eeguuf geessisuun kan bakka gudda qabdudha. Kanamalees, raawwii sirna gadaatiif dhangaafi meeshaalee adda adda kan qopheessuu dubartoota. Dhangaan qophaawwus qodaa shan jedhama, … Continue reading Dubartootaafi Sirna Gadaa
Ardaan jilaa Me’ee bookkoo iddoowwaan seena qabeessa Oromoon qabu keessaa Godina Gujii Aanaa sorratti kan argamtudha. Akka ragaan tokko tookko ibsutti me’een bookko jiddu gala aadaafi seenaa ummata Oromoo Gujii keessatti caffee yaa’iifi tumaata aadaa ittin bulmaata sirna Gadaa ta’uun jaarraa bay’ee lakkofsistetti. Naannoo isaa qabeenya ummama kannen akka bosonaafi bineensota bosonaa kannen akka Gadamsafi … Continue reading YAA’II GUMII ARDAA JILAA ME’EE BOOKKOO FI TUMAATA SEERAA KAN BARA 2008
Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata. “Oduuf na qalani” jette lukkuun. Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa. Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha. "Maali fardi ni maraatee?" jedhe waraabessi hari’ee dadhabee. "Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolcha" jedhe Jaldeessi. Afaan gaariin afaa gaarii caala. Hafaasaarra afaansaa Namni dhadhaa afaan kaa’an … Continue reading Mee Ergaan Makmaaksa kunneni maali?
Saba Oromoo biratti ganna keessa darbuun gara birraatti ce’uun hiika guddaa qaba. Yeroo gannaa fakkenya dukkanaa , hojiin baay’een kan itti baayyatu, keessattuu immoo qonnaan bultoonni kan baay’ee hojiin qaban yeroo kanatti. Haata’u malee yeroo rooba fi qorri sun darbee roobni cimaan sun hundi darbee, qorri akkas jabaatan sun hundi darbee yeroo miira namaa hawwatu … Continue reading Birraa!
Guyyaa tokko jaarsi tokko mucaa saawwan tiksu wayiittii dhufee “ Mucaa kiyya kan eenyuuti ati?” jedhee gaaffate. Mucaan immoo “ Ani abbaa hin qabu” jedheen. Jaarsichi maal ta’e jedheen, Mucichiis in du’e jedhee deebiseef. Jaarsichiis, “ Maali ilma koo abba keetu du’e malee gurraa isaatu du’ee? Jedhee gaaffate. Mucichis, jaarsana narraa deemi, gurra kana beeknee … Continue reading Baacoo
Obbo Guddoo, Waraabessaa fi Wangoon osoo waliin adamoo adeemaa jirranii Bosonuu sadii; tokko furdoo, tokko giddu galeettii fi kan biraa huuqqattuu tokko arganii ajjeefatan jedhan. Achii Leenci (Obbo Guddoon) Waraabessaa fi Wangoodhaaf gita hojii kennee nyaata argame kana akkamitti nuuf hirtu jedhee carraa duraa Waraabessaaf kenne. Innis, Waraabessi egaa yaa obbo guddaa jedhe, ishee furdoon … Continue reading Oduu durii