Makmaaksa

Kan wal kajeelu Afaan hin qajeelu Akaayin bara beela firaan adda nama baafti Jaalachaa oolaniis intala haadhaa hin fuudhan Harka goowwaatin boolla jawwee safaru. Haadhaatu du'e jedhani ilmoo bofaa wajjiin bo'icha hin ta'an -abaarsi goowwaa eeboon qixa

Makmaaksa

Murataan marqa baalarratti nyaata. Yaa marqa si afuufuun si liqimsuufi. Gubataa marqaa hubataatu arga. Akkan hin yaanne misingaa marqite, akkan hin dhiifne dhadhaa itti naqxe

Ijoollee hurursuun

Aadaa Oromoo keessaa ijoollee hurursuun aadaa gaarii qabnu keessaa tokkodha.Huruursuun Sossobuu ykn Afaan Ingiliziitiin “lull”kan jedhamu waliin caalaa wal gitu danda’a. “Hush” inni jedhamu kun “usi”ykn “callisi”  kan nuti jennu waliin wal gita. Ingilizootis  ijoollee haala nuti sossobnuun ykn huruursinuun huruursu waan ta’eef dhimma kana irratti aadaa walfakkaatu qabna jechuu dandeenya.Aadaan keenya kun utuu hin … Continue reading Ijoollee hurursuun

Malaan duulan jette andaaqqoon (lukkuun)

Yeroo tokko, andaaqqoo, hantuuta, bofa, ruumicha fi leenca ta’anii gamtaadhaan duula deemuuf waliin mari’atan. Kaayyoon duula kanaas deemanii loon hatuuf ture. Amma deemanii deemanii bakkee dhaquu barbaadanitti yogguu dhiyaatan, dhaabbatanii (ejjetanii) akkamitti akka loon hatan waliin haasa’uu fi hojiis addaan qoqqooddachuuf karoora baafatan. Kana keessatti kan karoora baastu andaaqqoo turte. Andaaqittiinis akkana jettee karoora ibsiti: … Continue reading Malaan duulan jette andaaqqoon (lukkuun)

Sirna fuudha fi Herumaa kutaa lama

2) Ababbalii ykn Hawwii Inni kun ammoo osoo warri hin beekiin warri walfuudhan waliif galanii walfuudhuu ta’a. Gurbaa fi isheen qofti walii galuudhan haala mijeeffachuun gurbaa intala beellamee fudhatee gala. Yeroo kanatti maatiin gurbaa beeku danda’u kan ishee intalaa garuu hin beekan. Adeemsa keessaa gurbaan guyyootamuraasa booda  gara maatii isheetti jarsummaa ergachuun araaramuuf karaa bana. … Continue reading Sirna fuudha fi Herumaa kutaa lama

Wadaaja

Wadaaja jechuun firummaa, aantummaa, walmararfachuu, walii yaaduu, waliibirmachuu jechuudha. Kanas warra ykn maatii tokkotu bulfata. Guyyaa kana ayyaantuu warra dhahaafi faaruu ayyaana kanaa beekan afeeruun Waaqasaanii kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa bulu. Ayyaanni kun bakka tokko tokkotti ayyaana ‘jaalaa’ jedhama. Ji’a ji’aan, waggaatti al lama ykn tokko ayyaaneffamuu danda’a.

Jaarsummaa

Bara durii haadha manaa fi abbaan warraa waliin jiraatu ture. Lamaanuu  erga waliin jiraachuu jalqabanii turanii jiru. Baay’isanii wal jaalatu ture. Yeroo tokko garuu wal lolan. Duraan wanta wal lolanii hin beekneef walitti araaramuu didan.  Abbaan manaas “Erga wal lolla ta’ee maaliif waliin jiraanna,narraa gali jedheen. Isheenis gara mana warra isheetti sokkite. Warri ishees akka … Continue reading Jaarsummaa

Makmaaksa Afaan oromoo

Hiikkan Makmaaksa kunnenii maali? Leenca humnaan roorrisu, qamaleen malaan ajjeefte.Lukkuun biyya hin qabdu, bakka bultu hin dhabdu.Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa. Mucaan " nyaanyaa" jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu.Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama. "Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee" jette jeedalli sareen.Ari'ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi. Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira … Continue reading Makmaaksa Afaan oromoo

Duudhaa Hawaasaa

Duudhaan hawaasaa wanta aadaatin baayyee walitti dhiyaata. Haa ta’u malee, akka wanta aadaa bu’aa ogummaa nama dhuunfaa yookan garee muraasaa osoo hin ta’in waan gamtaan Hawaasaa beekkamtii itti kennuun bifa wal-fakkaatuun irratti walii galaniidha. Kunis  barsiifataalee yeroo dheeraaf hawaasicha keessatti mul’achaa ture kan haammatuudha. (Dorsan, 1972) Duudhaan hawaasaa ummata keessatti umurii dheeraa kan lakkoofsiseefi hawaasni hundi itti waliigalee kan fudhate akka ta’eefi kutaa kana keessatti kan ramadaman … Continue reading Duudhaa Hawaasaa