Hiiboo

Caaltaa: Hiphi ykn hibib ykn libbakka Caaltuu: Haati nama laalti ilmoon Caalaa: Qawwee fi rasaasa

CIIGOO Afaan Oromoo

  Ciigoon akaakuu Afoolaa keessaa isa tokko yoo ta’u, jiruuf jireenya ummataa keessatti seenaa,aadaa, duudhaa, jaalala jibbaa, gaddaaf gammachuu, amantaa shakkii, waliin jireenyaa waldhabiinsa, tokkummaa garaagarummaa, tolaa hammeenya, kkf ittiin ibsachuuf bu’aa guddaa qaba. Kana malees, wanti dubbannu sirritti akkaisa ta’uu fudhatama argatuuf nu tajaajila. Ciigoon garee jechootaa, gaalee, ykn hima ta’ee dubbii dachaa ta’e … Continue reading CIIGOO Afaan Oromoo

Walaloo sirna gaddaa fi Yaadanno Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa

Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Ilma qaalii ilmoo Oromiyaa Malattoo qabsaawoota bilisummaa Oromiyaa Hangafa qabsoo hidhanno ammayaa Duree Waraana Bilisummaa Oromiyaa Goota gotaa oli ilma qaalii jagnna Oromiyaa Jaal jaarraa Abbaa Gadaa. Maal taateeti ,duuti mortuun si injfatee? Maal taate yaa du’aa? Ati hoo maaf jala marxifatee? Yaa du’aa yaa mortuu, mormortuu Yaa du’aa, yaa jibamtuu, … Continue reading Walaloo sirna gaddaa fi Yaadanno Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa

Midhaan ungulaaluu yoom jalqaban laata?

Yeroo daa’imummaa naannoo manaa irraa fagaadhee hin deemnetti ogummaa midhaan ungulaaluu shamarreen ykn dubartootni hojjetan ilaalaan ture. Ungulaaluu sana keessatti midhaanis ta’e maaxxoon (daggalli) kallattii tokko keessa marsaan yaa’u. Marsaa n yaa’uun sun aartii nama hawatu qaba. Ungulaaluun kun yoo gara harka mirgaas ta’e gara harka bitaatti buufachuun ungulaalan garaagarummaa hin qabu. Maaxxoon garuu midhaan … Continue reading Midhaan ungulaaluu yoom jalqaban laata?

Milkaa’ina jareenyaafi gammachuu akkamitti arganna?

 Barbaadanii of argachuu  Eenyummaa keef bakka guddaa kenni Hamma of beektu caalaatti ati nama guddaadha. Humna qabdu hundaatiin socho’i.           Sodaafi dhiphine of keessaa balleessi. Yeroo tokkotti tarkaanfii tokko qofa tarkaanfadhu. Rakkoolee waan guddaatti hin lakkaa’in Rakkoolee irratti mariyadha. Balbala cufuu bari  Sodaawwan sababa qabatamoo irraa dhufan maal gochuu qabna. … Continue reading Milkaa’ina jareenyaafi gammachuu akkamitti arganna?

Baacoowwan Oromoo Godina Gujii

Baacoon aartii uummata oromoo bashannansiisaa barsiisudha. Itti dabalas fedhii dubbisuufi barreessuu dubbisuu yookaan barreessaa kan guddisuudha.Haaluma kanaan baacoo godina Gujii keessaa kan arganne akka amaan gadiitti dhiyeessuuf yaalleerra. 1.Ifii boo'e moo isinii boo'e? Durii durii jedhan namicha tokkotu jira. Namichi kun qabeenya kana hinjenne kanneen akka:loon, gaala, farda, gaangee,re'ee, hoolaafi lukkuu kanneeniifi kan biroo bacaa … Continue reading Baacoowwan Oromoo Godina Gujii

    Odaa

Mukis muka caalaam gaafan taa’ee yaadu. Kan mallattoo ta’ee maqaa dha’u hunduu. Odaan muka miti sanyiisaatu muka. Gaaddisa haraaraa kan hin qabne kaka. Maqaa muka hundaaf hunduu hiika kenna.  Kee garuu tokkicha odaama siin jennaa! Gurracha Afrikaa yoo ta’es faranjii. Si dha’u maqaa kee wallaallaan fajaji. Gaaddisa yoon jedhe kan biros ni ta’u. Madda Oromumaa … Continue reading     Odaa