Mammaaksa

Aariin abbaa ajjeeftu, ilmatti ceeti. Abbaan booka dhugeef, ilmi afaan hin urgaa’u. Yoo abbaan iyyutu, ollaan namaa dirmata.  Abiddi abbaa irra taa’e, guba. Afaan leencaa, huubni hin kajeelu. Afaan nyaata bare, bulluqa alanfata. Akkeessaa fardaa harreen lafa dhiitti. Bakka fardi hin jirre, harreetu garmaama.  Bakka qeerransi ka’e, jaldeessi taa’a. Bakkuma robe, dhoqqeessa. Duruu gurraachaa ittuu … Continue reading Mammaaksa

Advertisements

Milkaa’ina jareenyaafi gammachuu akkamitti arganna?

Barbaadanii of argachuu  Eenyummaa keef bakka guddaa kenni Hamma of beektu caalaathi ati nama guddaadha. Humna qabdu hundaatiin socho’i.         Sodaafi dhiphine of keessaa balleessi. Yeroo tokkotti tarkaanfii tokko qofa tarkaanfadhu. Rakkoolee waan guddaatti hin lakkaa’in Rakkoolee irratti mariyadha. Balbala cufuu bari  Sodaawwan sababa qabatamoo irraa dhufan maal gochuu qabna.      … Continue reading Milkaa’ina jareenyaafi gammachuu akkamitti arganna?

Jechoota Hayyootaa

Ifa guyyaa argachuuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.  (Wiiliyaam Shekipiir) Waanti nuti sodaachuu qabnu soaa qabuu soda qofadha. (Firaankiliin Runzvelti) Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyun qurxummii qabatee ba’a.  (Jecha Warra Arabaa) Namni suuta deemu dafee bakka yaade ga’a. (Jecha warra chaayinaa) Daandii bakka yaadde sigeessisn utuu hinbeekin adeemsa hin jalqabin.  (Jecha warra Ingilizii )

DHIBAA’UMMAA MOO DHIBDEE

Dhibaa’ummaa moo dhibdeedhaa? Ani waliisaa wallaalee Sabni keenya marti Afaan wal wallaalee  Kaan yoo adii jedhu Gurraacha kan jedhu Kanatu naaf hin galle Kanan baruu fedhu Jaarraa tokko guutuu  Of duuba deebi’ee Seenaa darbe kaasuun Dirqama natti ta’e  Waa’een saba kootii Abjuu natty ta’e Ka’ee dhadhaabadhee  Waanan godhu dhabnaan Waldorgomsiisutti ka’e Kan duraa hoo dhibdeedhaa … Continue reading DHIBAA’UMMAA MOO DHIBDEE

FAAYIDAA AKAAKUU LAKKAA’UU

Qomoon Oromoo hundi/marti akaakuu lakkaa’a.  Kun Oromiyaa cufa keessatti beekamaa dha. Aadaan kun sababa adda addaa tiin dhaloota ammaa biratti hanga tokko dagatamaa dhufaa jira. Kun ta’uu isaaf immoo sababoota garaagaraa keessaa barumsaan walqabatee haala uumamaa dhufe; dhiibbaa amantiin lammootni ummatichaa fudhatan uumee; fi dhimmichi/aadaan kun barbaachisaa ta’uu isaa irratti hubannoon gahaan kennamuu dhabuu eeruun … Continue reading FAAYIDAA AKAAKUU LAKKAA’UU

Eebba Ormoo

“Waaqa nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi” Kan nagaan nu oolchites nagaan nu bulchi Irraa goraafi dogoggora nu oolchi  Tolaa nutty qabi  Hamaa ammaataa nutty qabi  Keenyaan nu oolchi keenyaan nu bulchi Biyyaafi qe’ee keenya irratti nu moosisi  Yaa Rabbi tokko nu taasisi Yaadaafi qalbii keenya wal simachiisi Wallaalaa nuu beeksisi  Beekaa nuuf bulchi  Xinnaa … Continue reading Eebba Ormoo

Jechaafi gocha safun

Oromoon aadaa isaa keessatti qabata saqeeffannaa amantaa, kabaja /wayyouma/, ‘aamilee, soda, wkf qabaata. Saqaaffannee kanas gochaafi jechaan ibsata. Oromoon kallattiin du’aafi waa’ee isaa kallattiin hinhimu. Boqote – darbe – rafe – dadhabe Hirmii baafadhu – hirmii hin nyaatin – hirmii tufi Biyyon isatti/isheetti/isaanitti/haasalphatu, maqaa na dhoofte hin jedhin.  Mucaatu harkaa ba’e, ulfatu irraa ba’e jedha … Continue reading Jechaafi gocha safun