Bishaan burqaa jireenyaati

Bishaan burqaa jireenyaati

Kan lapheefi lafa goggoge jiisu 

Dachee magarisomsee 

Kan lubbuu gammachiisu 

Garuu…

Naannoon qulqullina dhabee

Gaafa balfaan faalamu 

Bishaan lubbuuf sooratan

Gaafa xuriin dhaalamu

Dhukkuba daddarbaatu 

Qe’ee nama hundaa lixa

Lubbuu namaafi bineeldaa

Du’aan lafarraa fixa 

Xiqqaafi guddaan wal dhageenyee

Amaanaadhaan  gadi teenyee 

Ollaa bitaafi mirgaa dhaggeefannee

Rakkoo jiru furuuf murteeffanne

Amaanaa jennee kaanee

Hojiitti yoo  bobbaane 

Biqiltuu haaraa dhaabnee

Kan jiru kunuunsina

Lubbuu du’a baraarree 

Dacheeyyuu  misoomsina

Seenaa goonee dubbanna 

Hongeefi beela har’aa

Tokkuummaadhaan yoo kaane

Qee’ee qulqulluu ijaarraa.

.

Hongeedhaan rukutamnee

Qilleensa ga’aa dhabnee

Aduu hamaan nu dhaanee

Coollignee gadi cabnee

.

Saawwan keenya gu’anii

Oyiruun keenya qaaqa’ee

Laagaan nu babbaqaqee

Gogiinsi nu gaaga’ee

.

Harka keenya bal’ifnee

Daangaa ormaatti ceenee

Utuu kadhachuuf dhaqnee

Qilleensa jiidhaa feenee

.

Asiifi achii wal waamaa

Wal tuttuqanii ceekuu

Garaasaanii qabatanii

Gaaffii keenyatti seequ

Rakkina isa akkasii

Dafqee hojjetata abbaatu

Ollaan soorata malee

Qilleensa namaa hin laatu

Qilleensa dhabnaanimmoo 

Ni qoora lagni keenya

Fala jireenyaa dhabneetu

Harka marannee teenya

.

Yoo qilleensi hin jiraanne

Bishaan hin jiru tiru

Bishaan hin jiru jechuun

Lubbuun gonkuma hin jiru

.

Kanaaf bishaan bu’uura

Bishaan malee hin jiraannu

Bishaan akka jiraatuufimmoo

Biqiltuuf dursa haa laannu

Fayyaafi nagaan jiraachuuf

Waktii bonaafi gannaa

Qe’ee keenya kunuunsinee

Qulqullinaan eegganna.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s