Hojiin daandii guddinaati Kan hojjetu ni milkaa'a Gartuuf gamtaan wal utubee Bakka kaayyoosaati ga'a Dhibaa'ummaadhaan tuqame Qooda taa'ee nyaatu mataa Namni hojiif yeroo kennu Waan barbaadu irraa argataa - Lammiif biyyasaatiif jedhee Humna isaatiin cichee laata Gadadoo ofirraa fageessee Harka duuleen kolfaa nyaata Daldalaaf hojjaa dagaagsee Of godhee abbaa kalaqaa Namni hojiif yeroo qabu Humnasaa … Continue reading Hojiin Daandii Guddinaati
Month: November 2022
Bishaan burqaa jireenyaati Kan lapheefi lafa goggoge jiisu Dachee magarisomsee Kan lubbuu gammachiisu Garuu... Naannoon qulqullina dhabee Gaafa balfaan faalamu Bishaan lubbuuf sooratan Gaafa xuriin dhaalamu Dhukkuba daddarbaatu Qe'ee nama hundaa lixa Lubbuu namaafi bineeldaa Du'aan lafarraa fixa - Xiqqaafi guddaan wal dhageenyee Amaanaadhaan gadi teenyee Ollaa bitaafi mirgaa dhaggeefannee Rakkoo jiru furuuf murteeffanne Amaanaa … Continue reading Bishaan burqaa jireenyaati