Adeemsa Seera Tumaa

Adeemsi seera tumaa sirna Gadaa keessatti seeraafi dambii mataa isaa qaba. Sirna gadaa Oromoo keessatti adeemsi seera tumaa adeemsa hirmaannaa uummata baldhaatti kan amanuufi kan ittiin raawwatudha. Akka seera Gadaatti namni kamiyyuu kan umuriinsaa eyyamu hunuu adeemsa seera tumaa irratti argamuuf mirga qofa osoo hin taane, dirqama sabummaas qaba. Adeemsa seera tumaa kanarrattis namni hunduu yaada qabu akka safuun uummatichaa eyyamutti qoqqobbii tokko malee dhiyeessa. Mariifi falmii (yoo barbaachisaa ta’e) hawaasa bal’aan erga himaachisaa booda, yaadolee walii galaa karaa Abbaa Bokkuutiin deebi’anii hawaasichaaf dhiyaatu. Kanaanis kan uummanni bal’aan itti amanee seera tahee tumamuu isaa abbaan Bokkuu Alangaa gogaa Roobii irra hojjetame qabatee uummaticha fuulduratti mirkaneessa.
Adeemsa seera tumaa sirna Gadaa kana adeemsa seera tumaa biyyoota dhihaa kan sirna dimokiraasummaan baay’ee dagaaganiiru jedhaman waliin yoo wal bira qabnee ilaalle amalli adda isa taasisu ni jira. Kunis akka qajeelfamoota dimokiraasii biyyoota dhihaatti yaanifi fedhiin uummata baldhaa yaadaafi fedhii uummata muraasaan kan uummanni baldhaan ofkeessaa filee bakka buufateen kan bakka bu’uufi murtaa’uudha . Akka sirna Gadaa Oromootti garuu, sagalee tokko nama tokko qofa bakka bu’uu danda’a. Kunis adeemsa seera tumaa keessatti uummanni baldhaan wal ga’ee yaada ofii isaatii akka safuun hawaasichaa eyyamutti qoqqobbiifi sodaa tokko malee dhiyeessee, yaadota falmii ta’ani immoo mareedhaan wal amansiisee gara furmaataa ga’uun dambiileefi seerota barbaachisan hunda baasa.
Adeemsa Seera Hiikuu
Sirna Dimokiraasii Oromoo (Gadaa) keessatti koreen maqaa salgan Yaa’ii Booranaan beekamu qaama seera hiikuurratti aangoo ol’aanaa qabudha. Miseensotani koree kanaa gareelee Gadaa kan Hayyuu jedhamu keessaa filatamu. Qaamni kun aangoo seera hiikuu biratti dabalee fooy’insi seeraa yoo barbaachisaa ta’e yaada ni dhiyeessa. Korri koree kanaa handhuura Gadaa Orommooo kan taate giddu gala Odaa Nabeetti geggeeffama.
Adeemsa Seera Raawwachiisuu
Abbaan Alangaa qaama seeraafi dambiilee duudhaa Gadaa Keessatti argaman raawwachiisuuf aangoo guutuu qabudha. Alangaan meeshaa gogaa Roobii irraa hojjetamu fiixeen isaa kallaattii qabatamurraa gara dhumaatti qal’ataa kan deemu ta’ee abbaan Alangaa akka mallattoo beekamtiitti (recognition) kan qabatudha. …….itti fufa.

Kan dubbisnee irraa…..

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s