
Utuu naaf hindhagayin
Firrikoo gamaanaa fi gamaa
Bakka rakkoo kiyyaatti
Situ dursee argama
Aantiidhaafi obbolaa koo
Dursitee natti siqxa
Caba koo naaf dhidhiibdee
Dhiiga koo narraa dhiqxa
Kaasuu keetti na fuutee
Qabdee lafaa na kaasta
Dugda keetti na baattee
Bowwaa keessaa na baafta
Gaafa guyyaaa gammaachuu
Wajjiniin nyaannee kolfaa
Gaafa guyyaa dhiphinaa
Kan dhukkubaa fi golfaa.
Gammachuu G.