Gaaddisa Odaa jala gadi teenyee
Yoo wal-hubannee wal dhagenyee
Yoo wal jalaa kaafne dhagaa
Yoo waliif yaadne nagaa
Tokkummaan wal qabannee
Yoo walii wajjiin dhaabbanne
Kattaan gaaraa yoo dhodho’e
Cabbiin roobee yoo lola’e
Buubbeen kaabaas haa bubbisu
Nu hin sochoosu nu hin buqqisu!
Gammchuu G. kan barreeffame