Dugugaatii alkolii dhugee
Ani hin qabu machii
Gitiintiree achumaa
Dhiitaa hin oolu dachii.
Humna asii gadii horde
Lafa qabsiisee luka
Dhaabaacha hin oolu anoo
Akka dhagaafi mukaa
Ofii kiyyaas jijjiramee
Akkaa ani jijjirreef biyya
Sagalee hammeenya keetu
Sammuu koo keessaa iyya
Qootisa bulleeffame
Akkan gadi dhidhiitu
Achumarra na oofta
Lafti dhiitee bariitu
Gammachuu G. kan barreeffame