Koroonaa vaayiraasii mata nu yaabuu feeti. Of eguu ni dandeenya sodaa hin barbaachisuu.Ittisa koroonaadhaf gorsaa oggeessa haa dhageenyu. Yeroon kun ni dabartii hin dabarrtuu hin se'iina.Wareegama qaalii hacuccaa bara hedduu.Qilleensarraa hin dhufne tolaatis as hin geenye.Salphoon seenaa hin beekne koroonaa vaayiraasii,Har'aa dhiiraa nut taati. Utumaa dhaga'anii gorsa ogeessa fayyaa.Innoo gurraachaa hin miidhu jedhani walitti qoosuu.Waaqayyoo nu … Continue reading Koroonan Ulfina hinbeektu
Month: April 2020
Tokkumaan Hummna! Gaaddisa Odaa jala gadi teenyee Yoo wal-hubannee wal dhagenyee Yoo wal jalaa kaafne dhagaa Yoo waliif yaadne nagaa Tokkummaan wal qabannee Yoo walii wajjiin dhaabbanne Kattaan gaaraa yoo dhodho’e Cabbiin roobee yoo lola’e Buubbeen kaabaas haa bubbisu Nu hin sochoosu nu hin buqqisu! Gammchuu G. kan barreeffame
Qawween koo boraatiin koo Kan rasaasa liqimsu Yaada garaa koo keessaa Danda’ee naaf hin ibsu Rasaasa itti guuttadhee Gaafan banu cancala Biyyi'o gurra qabtee Fiigee lixa daggalaa Wal caccabsee gulufa Wanta qabu harcaasee Qawween nageenya hin fidu Nagaa dhahee mancaasee Allaattiin waaqarra kaattu Bineensi bosona kessaa Sagalee qawwee kootii Hin jaallatu ni dheessa Ati garuu … Continue reading Qubee Koo
Babarreedu Oromoo Utuu naaf hindhagayin Firrikoo gamaanaa fi gamaa Bakka rakkoo kiyyaatti Situ dursee argama Aantiidhaafi obbolaa koo Dursitee natti siqxa Caba koo naaf dhidhiibdee Dhiiga koo narraa dhiqxa Kaasuu keetti na fuutee Qabdee lafaa na kaasta Dugda keetti na baattee Bowwaa keessaa na baafta Gaafa guyyaaa gammaachuu Wajjiniin nyaannee kolfaa Gaafa guyyaa dhiphinaa Kan … Continue reading Sin Jaalladha Hiriyaa koo
Dugugaatii alkolii dhugee Ani hin qabu machii Gitiintiree achumaa Dhiitaa hin oolu dachii. Humna asii gadii horde Lafa qabsiisee luka Dhaabaacha hin oolu anoo Akka dhagaafi mukaa Ofii kiyyaas jijjiramee Akkaa ani jijjirreef biyya Sagalee hammeenya keetu Sammuu koo keessaa iyya Qootisa bulleeffame Akkan gadi dhidhiitu Achumarra na oofta Lafti dhiitee bariitu Gammachuu G. kan … Continue reading Hindeemu