Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee paarkii biyoollessaa Oromiyaa godina Baalee keessa jiru yoo ta’u paarkin kun bidoollee dachee addunyaarra jiru kamiyyuu caalaa bineensota baayyinaan achi jiraatan qabaachuun beekkama. Paarkin kun bara 2009 Tarree Ambaa Addunyaa kan Yeroo keessatti galmaa’eera. Paarkin Baalee ballina tilmaamaan 2,150 km2 ta’u qaba. Paarkin kun bidoollee adda ta’an shanitti qooddama: lafa margaa kaabaa (Sulula Geeysee), lafa mukkeenii kaabaa (bakka itti biiron paarkicha too’atu argamu), lafa margaa Afiroo-alpaayin (pilaatoo Saannatee), Erica Moorlands, fi bosona Harannaa ti.
Paarkin kun iddoo jeedalli fardaa (Canis simensis) fi gadamsa gaarrenii (Tragelaphus buxtoni) lakkoofsaan iddoo kamiyyuu caalaa baayyee ta’an jiraatan ta’uun beekkama. Akkasumas bineensonni iddoo sana qofa jiraachun beekkaman kan akka qamalee Baalee (Chlorocebus djamdjamensis) fi tuqaa guddaan (Tachyoryctes macrocephalus) achi keessa jiraatu. Kan balaa keessa jirtu yayyiin (Lycaon pictus) yeroo tokko paarkii kana keessa jiraacha kan turte yoo ta’u (hooman jeedala kanaa 1990n keessa achitti mul’ataniiru) ammaa garuu, sababa baayyinni ummataa naannoo sanatti dhiibbaa isaanirratti uummef, badaniiru.
Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee kibba Itoophiyaa, Finfinneerraa 400km gara kibba-bahaa fagaatee, Shaashamanneerraa ammoo 150km gara bahaatti fagaatee mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti argama. Paarkin kun qaama gaarren Arsii-Baalee ti, kunis lafa olka’aa kibba-bahaatti kutaa dhihaa uuma. Paarkin kun aanaalee shan keessa jira: Adaabbaa (dhiha), Dinshoo (kaaba), Gobba (kaaba-bahaa), Dalloo-Mannaa-Angeetuu fi Harannaa-Bulluq (kibba-bahaa). Guutummaan paarkii kanaa koordineetii 6º29′ – 7º10’N fi 39º28′ – 39º57’E jidduutti argama.
Tempireecharii PBGB bayyee garaagara: pilaatorratti, oo’i guyyaa yeroo baayyee naannoo 10 °C (50 °F) fi buubbee jabaa kana qabudha; Sulula Geeysee keessatti, oo’i guyyaa naannoo 20 °C (68 °F) ti, Bosona Harannaa keessatti ammoo 25 °C (77 °F) ta’a. Haa ta’u malee, qilleensi naannoo baayyee jijjiirrama, yeroo tokkoo tokko battalumatti jijjiirrama. Lafa olka’iinsa 3,000m ol qabutti, qilleensi diilallaa’an alkanii baayyee baramaadha. Bokkaan naannoo kanatti kan roobu ji’a Caamsatii hanga Sadaasaatti.