Parkii Gaarreen Bale kutaa 2

Paarkin Baalee paarkii bineensota achi qofa jiraatan baayyee kan qabu yoo ta’u bineensota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan garuu balaa keessa warra jiran baayyedhaaf iddoo murteessadha. PBGB hoosiftoota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 20 fi hoosiftoota Gaarren Baalee keessa qofa jiraatan shaniif iddoo jireenyaati. Hoosiftoonni PBGB keessaa faayidaa guddaa qaban jeedala fardaa (anis simensis), gadamsa gaarrenii (Tragelaphus buxtoni), tuqaa mataa guddaa fi qamalee Baaleeti. Naannon Afroo-alpaayinii, iddoo jeedalli fardaa addunyaan kun qabdu keessaa walakkaan jiraatanidha, jeedalli fardaa addunyaarraa kaaniidii baayyinaan xiqqoo yoo ta’u yeroo ammaa 400 kan ta’an qofatu addunyaarra jira. Bosonni gaattiraa fi heexoo kan gara kaabaatti argamu akkasuma iddoo jireenyaa bineensa balaa jala jiru kan biraa kan ta’e kan gadamsa gaarrenii ti. Gadamsi PBGB keessa jiraatu, baayyina addunyaan kun qabdu keessaa harka lama-sadaffaa ta’a. Dabalataanis, tuqaan mataa guddaa addunyaan kun qabdu martii fi qamaleen Baalee addunyaan kun qabdu baayyeen paarkicha keessa jiraatu. Kana malees, amfibiyaanota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 12 fi reptaayiloota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan afur PBGB keessa jiraatu.

Jeedalli fardaa tullu-gubbaa lafa ol ka’aa Itoophiyaa ja’a irratti murta’anii jiru. Walumaagalatti baayyinni jeedala fardaa 400 ta’a, kanaafis sorattoota foonii Afrikaa balaa keessa jiran keessa kan jalqabaati, akkasumas addunyaarraa kaaniidii balaa keessa jiranidha. Sababa kanaaf, seeraan waan jireenya isaanii balaa keessa galchu kamirraayyuu ni eeggamu. Miidhama bidoollee sababa baballina lafa qonnaa fi horii horsiisuutin kan ka’e dhufe balaa isa hamaadha fi guddaadha, garuu dhibeen adda addaa (dhibee saree maraatuu fi canine distemper) kan saree manaarraa jeedala fardaatti darbu balaa ariifachiisaadha, yeroo as dhihootti Garreen Baalerratti ka’uudhaan jeedaloota fardaa baayyee ajjeesee baayyina isaanii ittuu gadi xiqqeesse.

Dabalataan, paarkin kun sanyii Itoophiyaa keessa qofa jiran keessa dhibbantaa 26% qabata, kunis qaroo tokko, hilleentii tokko, bineensa horii fakkaatu tokko (bovid), sanyii ilkaan rigoo saddeetii fi tuqaa guddaa kan addunyaa kun qabdu marti achitti argamu. Akkasumas, amfibiyaanota hedduu kan achi qofa jiraataniifi baayyee hinargamnes jiru, reptaayiloonni lama kan Baale keessatti qofa argaman nijiru.

Hoosiftoota 47n kan PBGB keessa jiraatan keessa harki tokko-sadaffaan ilkaan rigoo dha. Maatin ilkaan rigoo, keessattuu pilaatoo Afiroo-alpaayin keessatti, sanyii murteessaa PBGBti. Isaan nyaata jeedala fardaati, akkasumas margaa dheedduu naannoo Afroo-alpaayini, bakka itti adeemsi kiraayotarbeeshin (cryoturbation) raawwatamu, ti.

Hoosiftoonni PBGB keessa jiran kan biraan bosonuu achi qofa jiraatu, borofa, klipspringer, grey duiker, karkarroo, jeedala magaala, waraabessa burree, deeroo, weennii, leenca, qeerransaa fi yayyiidha.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s