Ji’a sadiif sitti tolee
Yommuu hutee daraartu
Waqtiin bonaa yoo ga’u
Maaliif ofii hin baraartu?
Ofiifuu gaaddisa hin taane
Maaltu sitti baqata?
Kanaaf namni si afrgu
Buqqisee si darbata.
Caakkaadhaafi buulloo
GHaddisa shifiifi mixii
Lafa kiyya irraa ka’i
Qotuun koo sii’if miti.
Ilbiisni umurii hin qqabnetu
Jala kan kee daaddisa
Bareedina bifaa malee
Taatee hin beektu gaaddisa
Utuu taatee jiraattee
Akka Ejersaafi Gaattiraa
Akkaa hoomii fi Waddwwssa
Enyuu si biraa hin qabu
Komiidhaafi haadheessaa?