
Aaa… jette kaatee
Na barsiftee qubee
Harka kan koo qabde
Na qabsiiftee kobbee
Tokko lama jettee
Natti himtee lakkoobsa
Har’a akkamittan
Olmaa kankee dhoksa
Amala koo hin mijanne
Jeeqaa dadhabsiisaa
Hundaa naaf dandeesse
Gorsaa, na barsiisaa
Akkan nama ta’uuf
Sammuu koo naa qarte
Daandii koo dukkanoftu
Bekumsaan ibsite.
….safuuu yaa barsiisaa.