Keelloo

Ji’a sadiif sitti tolee Yommuu hutee daraartu Waqtiin bonaa yoo ga’u Maaliif ofii hin baraartu? Ofiifuu gaaddisa hin taane Maaltu sitti baqata? Kanaaf namni si afrgu Buqqisee si darbata. Caakkaadhaafi buulloo GHaddisa shifiifi mixii Lafa kiyya irraa ka’i Qotuun koo sii’if miti. Ilbiisni umurii hin qqabnetu Jala kan kee daaddisa Bareedina bifaa malee Taatee hin … Continue reading Keelloo

Makmaaksa

Kan wal kajeelu Afaan hin qajeelu Akaayin bara beela firaan adda nama baafti Jaalachaa oolaniis intala haadhaa hin fuudhan Harka goowwaatin boolla jawwee safaru. Haadhaatu du'e jedhani ilmoo bofaa wajjiin bo'icha hin ta'an -abaarsi goowwaa eeboon qixa

Barsiisaa koo….

Aaa... jette kaatee Na barsiftee qubee Harka kan koo qabde Na qabsiiftee kobbee Tokko lama jettee Natti himtee lakkoobsa Har'a akkamittan Olmaa kankee dhoksa Amala koo hin mijanne Jeeqaa dadhabsiisaa Hundaa naaf dandeesse Gorsaa, na barsiisaa Akkan nama ta'uuf Sammuu koo naa qarte Daandii koo dukkanoftu Bekumsaan ibsite. ....safuuu yaa barsiisaa.

Makmaaksa

Murataan marqa baalarratti nyaata. Yaa marqa si afuufuun si liqimsuufi. Gubataa marqaa hubataatu arga. Akkan hin yaanne misingaa marqite, akkan hin dhiifne dhadhaa itti naqxe

Parkii Gaarreen Bale kutaa 2

Paarkin Baalee paarkii bineensota achi qofa jiraatan baayyee kan qabu yoo ta'u bineensota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan garuu balaa keessa warra jiran baayyedhaaf iddoo murteessadha. PBGB hoosiftoota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 20 fi hoosiftoota Gaarren Baalee keessa qofa jiraatan shaniif iddoo jireenyaati. Hoosiftoonni PBGB keessaa faayidaa guddaa qaban jeedala fardaa (anis simensis), gadamsa gaarrenii (Tragelaphus … Continue reading Parkii Gaarreen Bale kutaa 2

Parkii Garreen Baale kuta Tokko

Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee paarkii biyoollessaa Oromiyaa godina Baalee keessa jiru yoo ta'u paarkin kun bidoollee dachee addunyaarra jiru kamiyyuu caalaa bineensota baayyinaan achi jiraatan qabaachuun beekkama. Paarkin kun bara 2009 Tarree Ambaa Addunyaa kan Yeroo keessatti galmaa'eera. Paarkin Baalee ballina tilmaamaan 2,150 km2 ta'u qaba. Paarkin kun bidoollee adda ta'an shanitti qooddama: lafa margaa … Continue reading Parkii Garreen Baale kuta Tokko