Qorichawwaniifi baala Haraaraa (Araada) Nama qabsiisan
Sadarkaa adduunyaatti, namooti tokko tokkoofi hawaasni, rakkoowwan qoricha dhorkamanii isaan muudataa jira. Qoricha hin hayyamamineen fayyadamuudhaan,namooti dandeettii isaanii akka hindhugoomsine / humna keessa isaanii, guutumaan akka hin mul’isine/ kan isaan ittisuufi guddina hawaasaafis guufuu ta’an jiru.Gabaabumatti qorichawwan kunniin, fayyadamtoota, maatii,uummatafi hawaasa irratti,rakkoo hamaa kan geessisanidha.Addunyaa’rratti qorichawwan seeraan dorkaman,to’annoo ala ta’anii,kan omishaman,bifa daldala seeraa alaan kan daddabarfamanidha.
Fak. Kookeeyin,Heeroyiin,Hashish,Jiimaa,Baarbitureetiis,Seedatibees,Tiimboofi dhugaatii alkoolliidha .Jiimaan ykn Caatiin akkaataa dhaabbata fayyaa adduunyatti [ WHO] Qorichooti jaboo (“Hard Drugs”) jalatti kan ramadamu yoo ta’u, sababa keemikaala “ Kaatooniin” jeedhamu waan of-keessaa qabuuf sadarkaa 6faa irratti argaama.
Warri qoricha fudhatan, baayinaan qoricha fudhachuu isaanii’rraa kan ka’een, sammuu isaanii’rratti miidhaa uuma.Egaa kun dhukkuba qoricha sammuu hadoochu waliin uumaamu ta’uu’saa argsiisaa [ is a form of substance-related disorder} Kaneen Sammuu haddoochan, fakkeenyaaf, qorichooti,tiimboo, alkoolliifi keemikaala sammuu namaa hadoochan sababoota adda addaaf fudhachuu, Wantoti sammuu haddoochan, keessa qaama uumamaa /fiisiyooloojii fi miira fayyadamtoota ykn warra biroo irratti dhiibbaa kan fidudha.Wantoota sammuu haddoochaniifi yekka hojjetan, qoricha sammuu nama hadoochu kan fudhatan / drug dependence abuse jiddu wal quunnamtii cimaatu jira.Fayyadama qorichaan kan ka’een umurii jireenyaa kan gabaabsuufi bara omisha namoota hedduus kan baleessudha.
Akka Gabaasa Dhaabbata fayyaa adduunyaa A.LA bara 2013 tti, tilmaamaan namooti qoricha sammuu haddoochaniin fayyadamaan kan 187, 000 ta’an umuriin osoo hinga’iin du’u. (premature death). Addunyaa irratti A.L.A. bara 2012 tti, tilmaamaamaan namooti umurii 15-64 gidduu jiran kan milliyoona 162 _324 ta’an,dhibeentaa 3.5fi dhibeentaa 7.0 qorichawwan dhorkamoo rakkoo sammuu fidan[ “Illicit Drugs”] keessumaiiyyu “Kaanaabis, opoid, Kookeeyin,“amphetamine–type stimulants group” jedhamaniin,bal’inaan kan fayyadamaan ta’uu’sanii qorannoon ni ibsa. Sadarkaa addunyatti, namooti umuriin isaanii waggaa 15 ol, Alkoolliifi wantoota sammuu haddoochan kan fudhatan, billiyoona 2,yoo ta’an, Kan timboo xuuxan’mmoo billiyoona 1.3, Qorichoota birootiin kan fayyadamaan’mmoo milliyoona 185 ol akka ta’an gabaafameera. [Madda: WHO, 2002].
Akka ragaan biiroo qorichaafi yekkaa mootummoota gaamtoomanii adduunyaa A.L.A bara 2013 ibsetti, adduunyaa’rratti tilmaamaamaan namooti miliyoona 246,ta’an qoricha dhorkamaniin fayyaadamaniiru.Biyya U.S.Ameerikaa keessatti namooti qorichawwan, dhugaatii alkooliifi timboodhaan fayyadaman kan lakkoofsi isaanii baayi’ee ta’e, du’aaf kan saaxilaman yoo ta’uu; wagga waggaan namoota 500,000 olitti lakkaa’amaniif sababa du’aa ta’eera.Biyya Ameerikaa keessatti, nama afuur keessaa tokko alkoolii, timboo ykn qoricha sammuu nama hadoochaniin fayyadama.
Fayyadamni qorichooti seeraa alaa, sababa guddina/ babal’ina/ magaalootaa, industriifi baayy’ina uumataan dabalaa deema.Keessumaa biyyoota guddachaa jiran keessatti, gara fuula duraa baroota dhiyoo dhufan keessatti,dhibeentaa 25 niin ni dabaala jedhamee tilmaamama. Biyyoota kunniin keessatti feedhiin fayyadama qoricha seeraa alaa, kana caalaa dabalaa akka deemu, mootumoota gamtoomanii adduunyaatti,dhaabbati farra qoricha sammuu nama hadoochanii gabaaseera.
Qorichootaafi baala sammuu namaa hadoochan ilaalchisee oddeeffannoon amanamaa, baldhaafi waliigala ta’e Afrika keessa hinjiruu. Haatu’u malee, ragaan muraasi jiru akka ibsutti, Afrikaa dhihaafi giddu-galeessa keessatti, “ canaabis” jeedhamuun hanga dhibeentaa 12.4 kan ta’an itti fayyadamu. Rakkoowwan qorichooti sammuu nama hadoochan fayyaa irraatti geessisan keessaa, dhibeewwan kan akka HIV/AIDS, dhukkuba tiruu “hepatitisi B fi C”jedhamaniif nama saaxila. Yeroo baayi’ee deddeebisanii qoricha hedduu fudhachuun, gara du’aatti nama geessa.Namooti qorichawwan kana bifa lilmeen fudhatan, namoota hin fudhanne caalaa daachaa 15 oliin, du’aaf ni saaxilamuu. Qorichooti seeraan dhorkamaan kan “controlled drugs” jedhaman kunniin, aadaa/ /duudhaa/, haala jireenyaafi diinagidee biyyaa irrattis miidhaa ni fiduu. Akkasumas qorichoota miidhaa fidan kunniinin fayyadamuun, dandeettii waa adda basuu, hubannoo/murtee, xiyyeeffannaa/ fedhiifi qaama ofii too’achuu irratti rakkoo guddaa fidu.
Itiyoophiyaa keessatti qorichooti sammuu nama hadoochan fudhachuun akkuma biyyoota guddachaa jiranii rakkoon isaan fidan dabalaa dhufeera. Walitti dhiheenyi addunyaa (globalization)fi dinagideen gabaa bilisaa, rakkoowwan kunniin akka itti caaluufi akka babal’atuuf karaa baneera.Biyyoottan kan akka Itiyoophiyaa, waanjoo koloneeffattootaa jalatti yoo kan hin bitamne ta’anillee, balaa kana irraa baraaramuu hindanda’an.Rakkoowwan qorichi/baala/ sammuu namaa hadoochu kun gara fuula duraatti gufuu guddaa uummata addunyaa mudatuudha.Biyya keenya keessatti yeroo baayi’ee kan fayyadaman alkoollii,Hashiishiifi jiimaa yoo ta’an, kan itti fufu immoo kaanabiisiifi kkf. dha [ fakk. Beenziinii].
Jimaan / caatiin/ keemikaala sammuu garmalee dadammaqsu/ kakaasuu/ of keessaa qaba. Itiyoopiyaa keessatti bal’inaan itti fayyadamni isaa sadarkaa lammaffaa irratti argaama. Jimaan biyyoota akka Itiyoopiyaa, Keenyaa, Yemen, Afrikaa kibbaafi Maadagaskaar keessatti kan biqiiluu yoo ta’uu, barmaatiilee Jimaa qama’uun kun osoo biyyoota kunniin keessa qoofatti hin dangeffamin, karaa kooluu galtootaan /godaantotaan/ gara biyya US.Amaarikaafi Awuuropaaatti’llee babaldhateera.
Miidhaa baalli /qorichowwan/ sammuu hadoochanii- Akkaataa qorannoon agarsiisutti rakkoo bal’aa faayyaa hawaasaafi diinaagdee irratti inni fidu guddaadha.Innis qaama namaa keessaa, sammuu, jeequmsa sammuu’rratti miidhaa guddaa fida.Sababii kanan yaallii of-ajjeesuu gochuu, dhukkuba qaamaa, haala hojii qaamaa dadhabsiisuufi jeequmsa irribaa namatti fida. Timboo xuuxuufi dhugaatii alkoolii dhuguudhaan rakkinni dhufu’mmoo; nyaata hamma barbaadamuu gad-nyaachuu/ hirdhina nyaataa/, deddeebi’anii dhukkuba sammuun dararamuu, balaa HIV fi dhibee qaama saalaaf saaxilamuu, dhibee tiruu,amala hamaa ykn yekka adda addaaf kakka’uufi rawwachuu, kkf.Ijoolleefi dargaggooti/shamarran/ baala/qoricha/ sammuu haddoochu kunniiniin, akka hin fayydamne/akka hinsaaxilamneef/ hawaasi, manneetiin barnootaa,warri ijoolleefi dhaabbiileen mootummaafi miti mootummaa dhimma kanaa wajjin hojjetan, itti gaafatama guddaa qabu.
Walumaa galatti, akkaataa gabaasa barruulee qorannoo Qorichaafi Alkoollii Afrikaa, A.L.A 2007’tti; “Itiyoopiyaa keessatti rakkoon baala/qoricha/ sammuu haddoochu, haalan baay’ee yaaddessaa ta’aa dhufuusaa agarsiisa. Rakkoon kun baadiyyaafi Magaala, dhiiraafi dhalaa, ga’eessotaafi dargaaggoota, biyyoota misoomaniifi hinmisoomne, osoo hin jedhin miidhaa cimaa geessisuu irratti argama.Rakkoon baala/ qoricha/ sammuu haddoochanii,biyya Itiyoophiyaas dabalatee akka sadarkaa addunyaatti bifa weeraraan tatamsa’uu irratti waan argaamuuf,caalisun fala hin ta’u. Kanaafuu, balaan kun dhaloota abdii borii irratti kan agaameefi ajjeessaa kan jiruu waan taheef,rakkoo kan dhabamsiisuuf qaamni mootummaa, mit-mootummaa, hawaasni, mootummaan biroo, biyyooti addunyaa maartinuu hariiroo cimsuudhan kan irratti duulan, yeroon isaa ammadha.Beektonnis/hayyotis/ qo’annoofi qorannoo gad-fageenyaan adeemsisuudhan furmaata fiduuf akkasumas rakkoo kana dhabamsiisuufi ittisuun itti danda’aan, yeroo yeroodhan hubannoofi beekumsa uummataa foyyeesuu qabu.
Hailu Dhuguma (MA.PH )
0924111572