
- Namni kamiyyuu mootummaa biyya isaa keessatti kallattiidhaan ykn karaa bakka bu’oota isaa kanneen bilisaan filatamanii hirmaachuuf mirga ni qaba.
- Namni kamiyyuu tajaajila mootummaa biyya isaa keessaatti namoota biroo waliin walqixa fayyadamuudhaaf mirga ni qaba.
3. Bu’uurri aangoo mootummaa fedhii ummataati; fedhiin ummataatiis kan ibsamu yeroolee murteeffamanitti filannoowwan adeemsifamaniin hoggaa ta’u; filannoowwan kunneen nama hundaaf carraa walqixaa kan kennaniifi iccitiidhaan ykn sirna filannoo walaba walfakkaatuun kan adeemsifaman tahuu qabu.