
Namni kamiyyuu mirgaafi bilisummaa yaada fedhe qabaachuu fi yaada isaa ibsachuudhaa ni qaba. Mirgi kun tokkoon tokkoon namaa hundi dhiibbaa tokko malee yaada akka qabaatuufi daangaan osoo isa hin daangessine meeshaa fedhe hundaan odeeffannooleefi yaadoota bilisummaa barbaaduu kennuufi dabarsuudhaa ni dabalata.