Malaan duulan jette andaaqqoon (lukkuun)

Yeroo tokko, andaaqqoo, hantuuta, bofa, ruumicha fi leenca ta’anii gamtaadhaan duula deemuuf waliin mari’atan. Kaayyoon duula kanaas deemanii loon hatuuf ture. Amma deemanii deemanii bakkee dhaquu barbaadanitti yogguu dhiyaatan, dhaabbatanii (ejjetanii) akkamitti akka loon hatan waliin haasa’uu fi hojiis addaan qoqqooddachuuf karoora baafatan. Kana keessatti kan karoora baastu andaaqqoo turte. Andaaqittiinis akkana jettee karoora ibsiti:

Leencaan – yeroo mooraa loonii bira geenyu, ati nu caalaa humna cimaa waan qabduuf, akka karra ykn balbala bantu jettiin.

Bofaan – yeroo leenci karra banu, ati ammoo suuta jedhiitii looyii mooraa seenii; yoo karri banamu loon garafiitii akka bahan godhi jettiin.

Rumichaan – atis bofa wajjin gara mooraa seeniitii yeroo karri banamu laboobbaa (wing) kee waliin rukutuudhaan akka loon dammaqanii mooraa keessaa bayan godhi jettiin

Yeroo karoorri kun hojiirra oolu andaaqqoo fi hantuunni ala dhaabbatanii hojii kana hordofaa turan jechuu dha.

Haala kanaan loon mooraa keessaa yaasanii fudhatanii ykn oofanii otuu deemaa jiranuu, andaaqqoon mala biraa yaaduu jalqabde. Amma bofa ofitti yaamtee akkana jettiin: Yaa boofa rakkoo tokko qabna; leenci guddaa fi humna cimaa qabu kun, waa hundaanuu nu caala; kana malees kan karra bane loon akka bayan godhe isa waan ta’eef, booda nu hin nyaachisu waan tokko godhuu qabna jettiin. Bofnis maal goonuree? jedhaan. Akki gootu, yoo leenci dadhabee ciisee mugu ykn rafu suuta jedhiitii jala seeniitii summii keetiin iddii ajjeesi jettiin. Boftis akkuma itti himametti hojii isaa raawwatee, leenca sodaatamu akkanatti ofirraa ajjeesan.

Ammas xiqqoo turtee andaaqittiin mala (shira) ishii ittifufuudhaan; rumicha ofitti yaamtee akkana jettiin: Waan tokkon sitti himaa dhagayi; akkuma beekamu bofni hamaa dha; summii isaatiin nu fixuu danda’a. Kunoo leencaa ajjeesee jira; amma nutti garagalee, ani leenca jabaa sanaa ajjeesee; isinis fixuu nan danda’a jechun isaa waan hin oolleef, otuu hin dhumin dursuu qabna jettiin. Rumichis maal godhuree? jedhee gaafata. Yeroo kana andaaqqoon akkana jettiin: Yeroo bofti ofmaree ciisu, suuta jedhiitii mataa isaa tumiitii ajjeesi jettiin. Rumichis hojii isaaf kenname raawwate. Bofnis haala kanaa du’e.

Andaaqittiin karoora fi shira ishii hundumaa hojiirra erga oolchite booda hantuuta wajjin kophaatti hafu. Amma loon kana keessaa isa furdate filatanii qalachuuf qophaayu. Erga filatanii qalatan booda, andaaqqittiin shira ishii kan xumuraa hojiirra oolchuuf; hantuutaan akkana jetti: Yaa hantuuttoo, beektaa ati bar goota goota caaluu dha; rumicha bofa ajjeese sanuu malaan galaafattee jirta; amma akki gootu, foon jaji’iitii morma keetitti maradhuutii, dhakaa (dhagaa) guddaarra bayiitii gootummaa keetiin dhaadadhu jettiin. Hantuutnis tole jedhee; akkuma itti himametti qophaayee; dhagaarra bayee otuu dhaadachaa jiruu cululleen? bakkee dhuftee hin beekamne tasa foonuma sana wajjin hantuuticha fudhattee badde. Akkanatti andaaqqoon malaan (shiraan) hundumaa ofbiraa fixxee loon dhuunfattee hafte jedhama.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s