DURII FI HAR’A
..DUR
Duumessa jaalalaatu
Lafa keenya uwwisa
Ijoolleetu gad-jedhee
Maanguddoota dubbisa
HAR’A…
Jaalalli dhidhimee
Jibbi guutee lafa!
Safuun biyyaa ba’ee
Fakkaateera fafa!
..
..
DUR…
Hunduu qixa qaba;
Ormi dinqa hinlixu!
Fo’aan dhugaan dhufe
Ololaan hincitu!
..
..
HAR’A…
Sobatu shubbisa;
Dhugaatu gad-jedhe!
Gadheen dinqa bulee,
Dubbata waan fedhe!
Gammach G.