Akkaataa qo’annoofi qorannoo ogeessota xin-sammuutti, haala (amala) namootaa bakka lammatti qoodu.Inni tokkofaa, Abdii Qabeessota [“Optimist”] jedhaama. Kana jechuunis, waan hundumaa ija gaariin [positives] kan ilaalaniifi fudhatanidha. Fakkeenyaf ani kitaaba sirraa ergifadhee, sababa rakkoo yaadaa, hubannoo dhabuufi xin-sammuu qabu irraa kan ka’een kitaaba kana yerootti siif hindeebisne. Ati garuu deebii gaarii anaaf qabdu akkam akka ture atumti murtii kenni.
Kanaaf namoota garee kana keessatti ramadaman, namoota biraaf jeecha, kan mata isaanii dhisuudhan, namoota biroo gaamachiisuuf kaneen tattaaffii godhanidha.Kallattiin dadhabbii nama biraa irratti hinmurteessan. Dadhabina isaa sireessuuf malee hin qeeqatan.Hinabbaaranis. Garuu ni gaadduuf, garaa laafuuf. Fakkeenyaaf burcuuqqoo shayyii ati of –eegannoodhan qabate, yoo lafa bu’ee waan caabeef, sitti hin dheekamaan. Sababiin isaas “rakkoo muldhate kana booddee maddi rakkinichaa waan biraa ta’uu waan danda’uuf. Yookaan harkaa mucucaatee, yokaan’mmoo isaa gubnaan ta’a”Jedhanii yaadu.
Fakkeenya biroos fudhannee haa ilaaluu:- Mana reestoorantii (mana nyaataa) tokko keessa seentee, nyaata ajejattee,erga nyaatte booda, errega kaffaluuf, boorsaa uffatakee keessa harka keessee, yeroo sakattaatu, qarshii dhabda. Batalumatti naatee daafqitee jeeqamta. Haata’u malee, abbaan mana nyaata saanaa,haalakee sirriitti hubatee siif gaduudhan, kaffaaltiin kun akka siif hafuu godha.Abbaan qabeenyaa mana reestoraantii kanaa, nama haala abdii qabeessadha.(“Optimist”)dha.Rakkookee ija gaariin ilaale.
Waan gaarii hojechuun diina kee’llee akka injiifattu sii gargaara jedhanii yaadu. Namoota yaada qajeelloo akkasii qabaan keessaa yeroo ammaa kana preezidaantummaa Amaarikaaf dorgoomaa kan jiran Doonaald Trump, Hojii daldala’saanii’rratti yeroo baa’yee kasaaraa irratti kufanii turan.Garuu kasaaraa kufan keessaa ba’uuf jabinaan hojjetanii yeroo ammaa dureessa cimaa/ biliyeenera ta’uu kan danda’an abdii qabeessa waan ta’aniifidha.
Akkaataa beektoota xin-sammuutiin namooti haala lammaffaa qaban“Jalloota”/namoota waan badaa yaadan/ [ “Pessimist”] jedhamu.Namooti akkasii, waan hunduumaa duukaneessanii kan ilaalaniidha. Sammuu isaanii keessatti namootaaf waan gaariifi qajeelaa ta’e kan hin yaannedha. Namoota waan siirrii ta’eelee,sirrii miti jedhanii, jallisanii faallaa yaadanidha.Waan isaan fayyadu kennuuf yoo waamtan ni didu.Mammaaksa Oromoo keessatti “Ijoollee nyaataaf waaman ergaa seetee diddi”Jedhu. (“ijoolee nyaata akka nyaattuuf waaman iddoo tokkotti erganii hojii nahojjeechiisuuf na waamu jettee diddi “) jechuudha.
Egaa yaa dubbistootaa! isin garee kaam akka taataan of-sakatta’aa.Namooti “Yaada Qajeelaa”(Optimist) ta’an maqaan isaanii bifa gaarummaan ka’a.Namoota’rraas jaalalaafi kabajaa qabu.Namooti “Yaada jalloo” (Pessimist) ta’an’mmoo maqaan isaanii bifa badummaan ka’a. Hawaasa jiraatan keessatti jaalala hin qabani.Sammuun namaa inni qajeelaa, wantoota haraaraa nama qabsiisaniinis baduu danda’a.
Isaan kunniin keessaa qorichaafi baalli sammuu nama hadoochan haala namootaa’rratti dhiibbaa guddaa uumuu danda’u.