FILANNOO

akkamitti namni dhalatee

akki waaqif dacheerraa jiraatee

maaltummoo yoo danqu,

wallaalee waan hojjetu

Isa tahuufi taasisuuf deemuyyuu

keessaa maaltu dhibeet,

tahee, hanquu waa filatu?

Qalbiin shororkaa’ee,

yaadan nyaatamee,

akkas talbooja’ee,

fagaatee qaxxaamuree, yaadanis qaari’ee

Waanuma taheyyuu, himannaas leeyya’ee

Namni yoo maal tahuu, yaadan dugda ta’ee?

Bu’ura dhaabbii yaadaa,

filannoo waan sardaa

jireenyan fooggaluuf 

dinnaanis okkaluuf

fageenya lafa handhuuraatii

mandhee awwaalcha obbaatii

qeensaa’uu sagalee araddaa

dharraa qoonqoo filannoo jaalsaadaa

wal xaaqee yaadni adda addaa.

maali raajiin kuni,

dhabuun dhaabbii bareedaa

akka bishaan gabatee

yaadni yoo dhaabbii didate

yoo as-achi waayyaqee

yaadni kaldhoo faallaa ,

yoo sammuu walitti naqe

duuba maaltu tolaaf,

nama garaan baaqqee?

Ogguu yaadni wal lolee,dhiitee wal kuffisu

ogguu suurrranni bittimee, araadee dammaqsu

oggaa yaaddoon moo’ee ,fagoo wal deebisu

wal uruursee, sobe sossobee wal raffisu

Maalinnii yaa jamaa inni yaadaa huuqqisu?

akkamitti mee yaa jamaa,

dugdaaf garaa tahee

sammuun ilma namaa?

Dhalli namaa, dhalatee guddatee

yooma dachiirraa jiraatu

akkamiin wallaalaa? waan boru hojjatu

Maaltu gufuu taheet,dadhabee filatuu

Filannoon carraaf carraaqqii dhaa,

duuba dhalli namaa,

maaltu yoo qunnamu,dhaba waan filatuu?

Caalaa Haa hiluu 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s