Bara jaalalaan iyyinee

Walwaamnu gamaanaafi gamaa

Taphaa fi nagaa malee

Waliif hin yaadne hamaa

Bara obbolaa fi hiriyaan

Hin baratiin wal qooduu

Nyaaraa walitti guurree

Hin beekne waliin ooduu

Baran  garaa hin bulfanne

Cabee miidhamee aadee

Sammuu nagaa ganamaa

Ijoollummaa koon yaade.

Gammachuu G.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s