- Kan tokko tuffate tokko manaan bulfate
- Warraan buluuf sareen somba nyaattee bulti
- Saree deemsa hammaattu marratu duubaa qalata
- Akka sooressi haasawu hiyyeessi maalala
- Barri ni darba taajjabbiin hin darbu
- Karaa an jaalaadhu na arii’atan jedhe waraabessi
- Haak jedhanii waa tufan , mammaakaa waa himan
- Aadaafi aduun ni dhokatan malee hin badan
- Bareedinni gurraachaafi dubbiin gamnaa nama bira gaheetu hubama