- Jecha kee eeggadhu, isatu gocha ta’aatii.
- Gocha kee eeggadhu, isatu amala ta’aatii.
- Amala kee sirreessi isatu namoota wajjiin si jiraachisaatii.
- Jireenya kee fooyyessi, isatu boqqonnaa bara jireenya kee guutuutii.
- Qabeenyaan qabduun namatti hin boonin, qabeenyi fixeensa ganamaatii.
- Beekumsa qabduun uf hin tuulin, namoonni si caala beekan heddutu jiraatii.
- Aangoo qubaan si filaniin uf hin dhiibin, qubaan irraa si buusaniitii.
- Hin hatin abaarsa jalaa baataatii.
- Hin kijibin amanamaa taataatii!