Lolaan lola’ee darbu
Bubbeen awwaara kaasu
Kaayyoo fi galama koorraa
Olii fi gadi nan raasu
Haalli gaggalagaluus
Na harkaa hin gatu akeeka
Eenyuuf akkan dhaabbadhe
Haleelladheetan beeka
Waanti hundumtuu guutee
Yoo naaf mijates bakkii
Imaanaa uummata koo
Ani hin dagadhuu lakki
Waadaan galeerra utaalee
Darbee hin deemu yoomuu
Booyyee fi waraabessatti
Lakkii ani hin firoomu
Gammachuu G. Kan barreeffame.