
Mana keetti koottuu gali
Maalumaaf teessa ollaa
Roorroo Oromiyaa tuqu
Walumaan taanee lollaa
Shiraafi holola diinaan
Adda hinbaanu gonkumaa
Oromiyaaf qabsoofna
Kaayyyoon Keenyaa tokkuma
Hiririsii fidii koottu
Buttaa keetiifi muraasa
Amma yoomiitti diinni
Gidduu goree nu raasa?
Nutu qajeelacha waliin
Karaa duraan danddabe
Hin turin maaloo koottu
Sin eegaatii jajjabe.
Gammachu G.
Adoolessa 10/2018