Safuun seera miti Safuu maal cabsituu Imaanaa abbootii Maalidhaaf dagattu Safuun iddoo qabdii Qomoo koo keessaatti Fudhatamaas qaba Waaqayyoon biratti Safuu maal cabsitaa Dhiiroo akkanatti Sabni koo Oromoon Safuu addaa qabaa Safuun oromoota Biyya kaminittuu Fudhatama qaba!!!
Month: January 2020
Kan dabarsite yaadadhu.Kan keessa jirtutti jabaadhu.Kan itti deemtuuf abdiin jiraadhu.Bakka yaadde gahuuf obsa qabaadhu.Kaayyoon kee akka galma sii gahuuf rabbiin kadhadhu!
Jaalala onneeBeekumsa sammuuObsa garaaDhugaa arrabaaOgummaa harkaa qabadhu!
Jecha kee eeggadhu, isatu gocha ta’aatii.Gocha kee eeggadhu, isatu amala ta’aatii.Amala kee sirreessi isatu namoota wajjiin si jiraachisaatii.Jireenya kee fooyyessi, isatu boqqonnaa bara jireenya kee guutuutii.Qabeenyaan qabduun namatti hin boonin, qabeenyi fixeensa ganamaatii.Beekumsa qabduun uf hin tuulin, namoonni si caala beekan heddutu jiraatii.Aangoo qubaan si filaniin uf hin dhiibin, qubaan irraa si buusaniitii.Hin hatin abaarsa … Continue reading Addunyaa Tana Irratti:
Utuu naaf hindhagayin Firrikoo gamaanaa fi gamaa Bakka rakkoo kiyyaatti Situ dursee argama Aantiidhaafi obbolaa koo Dursitee natti siqxa Caba koo naaf dhidhiibdee Dhiiga koo narraa dhiqxa Kaasuu keetti na fuutee Qabdee lafaa na kaasta Dugda keetti na baattee Bowwaa keessaa na baafta Gaafa guyyaaa gammaachuu Wajjiniin nyaannee kolfaa Gaafa guyyaa dhiphinaa Kan dhukkubaa fi … Continue reading Sin Jaalladha Hiriyaa koo
Kan tokko tuffate tokko manaan bulfate Warraan buluuf sareen somba nyaattee bulti Saree deemsa hammaattu marratu duubaa qalata Akka sooressi haasawu hiyyeessi maalala Barri ni darba taajjabbiin hin darbuKaraa an jaalaadhu na arii’atan jedhe waraabessi Haak jedhanii waa tufan , mammaakaa waa himanAadaafi aduun ni dhokatan malee hin badanBareedinni gurraachaafi dubbiin gamnaa nama bira gaheetu hubama
Namni kamiyyuu mirga yaadaa, sammuufi bilisummaa amantii ni qaba. Mirgi kun bilisummaa amantii isaa ykn amantaa isaa geeddaruu akkasumas kophaa isaa ykn namoota biroo waliin tahee gamtaan, dhuunfaan ykn waltajjiirratti amantii ykn amantaa isaa barsiisuu, hojiirra oolchuu, itti amanuufii seeroota isaa raawwachuudhaa ni dabalata.
Namni kamiyyuu dhuunfaatis tahee namoota biroo waliin tahee mirga abbaa qabeenyaa tahu ni qaba.Namni kamiyyuu garmalee qabeenyaa isaa akka dhabu hin taasifamu.
Sababa sanyii lammummaa ykn amantiitiin utuu hin daangeffamin dubartootaafi dhiironni umuriin isaanii gaa’elaaf qaqqabe walfuudhanii maatii hundeessuuf mirga qabu. Fuudhaafi heeruma isaanii hoggaa hundeessan, walfuudhanii hoggaa jiraataniifi bultiin isaanii hoggaa diigamus mirga wal qixxee qabu. Gaa’elli kan raawwatamu fedhii bilisaa fi guutuu namoota walfuuchuuf fedhanii qofaani.Maatiin qaama uumamummaatiifi bu'ura hawaasaa waan ta'eef eegumsi hawaasaafi mootummaa … Continue reading MIRGOOTA NAMOOMAA Addunyaa Keewwata 16
Lolaan lola’ee darbu Bubbeen awwaara kaasu Kaayyoo fi galama koorraa Olii fi gadi nan raasu Haalli gaggalagaluus Na harkaa hin gatu akeekaEenyuuf akkan dhaabbadhe Haleelladheetan beeka Waanti hundumtuu guutee Yoo naaf mijates bakkii Imaanaa uummata koo Ani hin dagadhuu lakki Waadaan galeerra utaalee Darbee hin deemu yoomuu Booyyee fi waraabessatti Lakkii ani hin firoomu Gammachuu … Continue reading Hin firoomu