
Guyyaa tokko gondan sadii karaa deeman turan. Isaan waliin hasa’aa turan. Osoo dinni tokko nutti dhufee akkami mo’aana jedhanii yaada turan. Daqiiqa muraasa booda arba tokko argan. Gondaa kunnen yaada isaani irratti kennu jalqaban.
Gondaan tokkoffaan akkas jedhe, Arba kana haa ajjeefnuu, nuti salphaatti ajjjesuu dandeenya jedhe.
Gondaa inni lammaffaan immoo, millaa arba kanaa yaa cabsinuu, yoo millaan hin deemu ta’e nuqaqabuu hin danda’uu jedhe.
Gondaan inni sadaffaan garuu akkas jedhe, “yaa hiriyoota koo arba kanaaf dhiifama godhaaf, inni qofaa isaa jira, nuti immoo sadii dha.”
Yaadni mo’ataan kami?