Mee nannoo isiin jiraatanitti, sirni gaa’illi ittin rawwatamuu maal fakkataa? Akkuma saba bal’aa qabnuu aadaan fudhafi heeruma Oromiyaa keessatti karaa adda addan akka raawwatamuu beekamaa dha. Mee har’a sirna gaa’ila nannoo tokkotti argee isiif qooda.
Sirnichii kan jalqabu guyyaa gurbaan warra intalaatti jarsoolee sadii hanga torbaa ta’an ergachuun jalqaba. Garuu guyyaa jalqabaa jarsolee deeman gara mana inltalaa erga ga’anii booda osoo mana hin seenin dalla hala dabaachuun dhimmaa isaani dubbatu. Warrii intalaas bellama kennun nutiis fira waliin mari’anna jedhanii deebisuu. Guyyaa lammaffa, gara manaa akka seenan yoo eyyamaniif, carra qabeessa ta’uu isaaniti. Yeroo tokko tokko akka mana hin sennee taasisuun intala isaani dhowwachuu danda’u. Kun garuu yeroo muraasaf ta’a. yeroo baay’ee inuumaa kennu.
Guyyaa sadaffaan bellama yeroo qaban, walqorachuu jalqabuu, gurbaan keessan maal qaba? Akkamitti jiraachisaa? Fi gaffilee kannen biroo gaffatu. Yeroo kun hundi deebi argatee, guyyaa gaa’ila isaani bellamatanii addan deemu.Yeroo kanatti qophiin gaa’ila ni jalqaba. Gama lachuunu, qophiin itti fufa. Guyyaan cidhaa osoo hin geenyetti, gurbaan hiriyoota isaa waliin, intaliis hiriyoota ishee waliin gara gabaa deemuun, waantota isheef barbaachisaan, kana akka qubeella, warqee mormaa, uccuu hundaa intalaaf bitaaf.
Guyyaa cidhaatti, misiroon gara mana intaala nannoo galgalaa hiriyoota isaa waliin fardaan dhichiisaa deemu. Kana nama dhibuu yeroo inni achi ga’utti hiriyoon ishee herumtuu immoo sirbaa eegu, yeoo isa arganatti, ni arrabsu, akka jechuun,
“Emmo yaa lashoo
Lashoon balaa
Bondiin caala jedhee Abbetoo,
Yaa okkotee danfii
Waanan dakeen marqaa
Yaa tulluu gad- jedhii
Namaan yadaan argaa,
Itti fufa….