KEEWWATA – 14
Namoonni hundi, manneen murtiifi qaamolee seeraa fuulduratti walqixa ilaalamu. Namni kamiyyuu, himati yakkaa ykn civiilii yeroo isarratti murtaa’u, qaama abbaa seerummaa seeraan hundeeffame, aangoo kan qabuufi bilisa ta’e bira dhiyaatee murtii seeraa loogii hinqabneefi ifa ta’e argachuuf mirga qaba. Hawaasa demokraatawaaf barbaachisoo kan ta’an naamusa gaarii, nageenya ummataa, ykn tasgabbii biyyaalessaa eeguuf jecha ykn jireenya dhuunfaa warra mormii dhiyeessanii kan tuqu yommuu ta’u, yookaanis manni murtichaa dhimmichi ifa ba’uun isaa deemsa tajaajila murtii seerummaa kan gufachiisu ta’uu isaa hubachuudhaan ajaja kennamuun dhimmi tokko dhaddacha cufaadhaan ilaalamuu ni danda’a. Haa ta’u malee, mirgaafi faayidaa dargaggoota balleessoo ta’anii eeguuf ykn yeroo falmii wal hiikuu tarkaanfiiwwan eegumsa daa’immanii kan ilaalan yoo ta’an malee, murtiiwwan dhaddacha yakkaattis ta’e hariiroo hawaasaatti kennaman kamiyyuu ifa ta’u qabu.
Namni balleessaa yakkaatiin himatame kamiyyuu balleessaan isaa seeraan hanga isarratti mirkanaa’utti akka nama qulqulluutti lakka’amuuf mirga qaba.
Himatamaan kamiyyuu, himannoon yakkaa isarratti dhiyaate yammuu ilaalamu, yoo xiqqaate wabummaawwan kanatti aananii argaman haala qixa ta’een argachuuf mirga qaba.45
- Himannoo isarratti dhiyaateefi sababa isaa afaan isaaf galuun hatattamaafi tarreeffamaan beekuu,
- Himannoo isarratti dhiyaateef ittisa qopheeffachuuf kanneen barbaachisoo ta’aniifi yeroo ga’aa argachuufi nama gorsaa akka ta’uuf filate mariisisuu,
- Utuu haala seeraan ala ta’een osoo hinturfamin furmaata seeraa argachuu,
- Bakka ofii argametti murtii argachuu, dhuunfaan ykn abukaattoo filateen falmii ittisaa adeemsifachuu; abukaattoo yoo hinqabaanne gargaarsa gorsaa seeraa argachuuf mirga qabaachuusaa beekuu, deemsi murtii jal’atee wayita argamu humni maallaqaa isaa kan hin-eyyamne yammuu ta’u, utuu hinkaffalin abukaattoon akka dhaabbatuuf taasifachuu,
- Namoota jecha ragummaa kennan irratti dhuunfaa isaattis ta’e karaa abukaattoo isaa qorannaa adeemsisuu, akkasumas haala namoota ragaa isarratti lakka’amanii ilaalchisee namoonni ragaa mataa isaatii dhiyaatanii akka qoratamaniif taasisuu,
- Afaan manni murtichaa itti fayyadamu dubbachuu ykn dhaga’uu(hubachuu) kan hindandeenye yoo ta’e, nama afaan hiikuuf bilisaan argachuu,
- Mataa isaarratti akka ragaa ba’u ykn balleessaa raawwachuu isaa akka amanuuf kan hin dirqamne ta’uu.
- Himatamtoonni dargaggoota wayita ta’an, deemsi murtii seeraa umrii dargaggummaafi balleessaa irraa sirreessuuf haala mijeessuun barbaachisaa akka ta’e tilmaama keessa galchu qaba.
- Namni yakkaan itti murteeffame kamiyyuu, bu’ura seeraatiin murtichis ta’e adabbichi mana murtii sadarkaa oliitti argamuun irra deebi’amee akka ilaalamuuf taasifachuuf mirga qaba.46
- Namni balleessaa raawwatte jedhamee murtiin xumuraa irratti murtaa’e, yeroo booda murtichi yammuu hafu ykn murtii kanbiraadhaan balleessummaan isaa wayita haqamu, bu’ura ragaa haaraa ykn isa dhihoo argameetti, murtii seeraa irratti hanqinni jiraachuun isaa waan mirkanaa’eef dhiifamni yammuu godhamuuf, sababa murtichaatiin adabbii isarra ga’eef, akka seeraatti beenyaan kafalamuufii qaba. Haa ta’u malee, beenyaan kan kafalamuuf ragaan murticha jijjiirsisuuf sababa ta’e utuu hinbeekamin kan ture walakkaanis ta’e guutummaatti sababa himatamaatiin akka hintaane yammuu mirkanaa’udha.
- Namni kamiyyuu bu’ura seera deemsa falmii adaba yakkaa biyya isaatti, balleessaa yeroo xumuraaf ittiin isarratti murtaa’eetti ykn irraa bilisa ta’etti yeroo lammaffaa murtiif hindhiyaatu, ykn itti hin- adabamu.