Safuun seera miti
Safuu maal cabsituu
Imaanaa abbootii
Maalidhaaf dagattu
Safuun iddoo qabdii
Qomoo koo keessaatti
Fudhatamaas qaba
Waaqayyoon biratti
Safuu maal cabsitaa
Dhiiroo akkanatti
Sabni koo Oromoon
Safuu addaa qabaa
Safuun oromoota
Biyya kaminittuu Fudhatama qaba!!!