Oromoon kennaa qaba
Kennaa kennaa caalu
Kan moofee hin banne
Dhaloonni waldhaalu
Ummata ganamaan
Rabbiin eebbifame
Gamtaan ijaarame
Wal waame wal yaase
Rakkoo qabuu hundaaf
Furmaata mariisisee
Seera isaa tumataa
Odaatti wal yaasee
Seerii Oromoota
Maqaa qofa miti
Mee akka fakkenyatti
Tokkuman siif kaasaa
Jalqabbi dimookiraasii
Hundeen isaa essaa?
Nimoona curraa