
Keewwata – 13
1. Namni kamiyyuu naannoo biyya isaa keessa bilisaan sossohuufi jiraachuuf mirga ni qaba.
2.Namni kamiyyuu biyya kamiyyuu keessaa bahu fi biyya isaatti deebi’uuf mirga qaba.
Keewwata – 14
1.Namni kamiyyuu miidhaa duraa baqachuu fi biyyoota biroo keessatti irkataa tahee jiraachuuf gaafachuuf mirga ni qaba.
2.Mirgi kun dhimmoota siyaasawaa hintahniin namoota ifatti himatamuun isaanii bekamaniin ykn namoota gochoota kaayyoolee Mootummoota Gamtoomaniif yaadawwan bu’urawoo faallessan raawwataniif hin hojjatu.