
Keewwata – 9
Namni kamiyyuu garmalee qabamuu, hidhamuu ykn biyyaa baafamuu hin dandahu.
Keewwata – 10
Namni kamiyyuu murttoo mirgootaa fi dirqamoota isaa ilaalchisee kennamu akkasumas yakkii inni ittiin himatame kamiyyuu murtee akka inni argatuuf mirgi walqixxummaa isaa guutuutti eegamee mana murtii loogii hinqabnee fi bilisa tahetti murtee sirriifi ifa ta’e argachuuf mirga qaba.